Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiisa Addaa Haawaasa Oromoo, Ka Naannoo Amhaaraa Keessatti Dhibee Koleeraatiin Yoo Xiqqaate Namoonni Lama Du’uun Himame

FAAYILII - Talaallii Koleeraa
FAAYILII - Talaallii Koleeraa

Naannoo Amhaaraa Godina addaa saba Oromoo Aanaa Baatii gandoota Sadii keessatti weerarri dhukkuba Koleeraa ka’uu isaatiin namoonni lama du’aniiru jedhe Inistitiyuutiin Fayyaa hawwaasaa naanoo Amhaaraa.

Daayireektarri Inistitiyuutichaa Obbo Belaay Bezzaabiih Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti Weera dhukkuba Koleeraa Gandoota Sadii keessatti mudatee jiruun namoonni 162 dhukkubichaan qabamaniiru jedhanii isaan keessaa lama du’aniirus jedhan. Weerarri dhukkuba Koleeraa kun ji’a Eebilaa kana keessa ka’e kan jedhan Obbo Belaay to’annoo taasisuufis hojjetamaa jiras jedhaniiru

Forum

XS
SM
MD
LG