Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Awurooppaa Lmmiilee Itiyoophiyaaf Viizaa Kennuu Yeroof Dhaabuu Isaa Beeksisee


Gamtaan Awurooppaa, namoota seeraan ala hafan gara biyyaatti deebisuu irratti mootummaan Itoophiyaa biraa tumsi waan hin jirreef jecha, lammiilee Itiyoophiyaatiif viizaa kennuu yeroof daangessuuf murteessuu isaa Manni Maree Gamtaa Awurooppaa wiixata har’a beeksisee jira.

Tarkaanfiin kun kan fudhatamees, yeroo mootummoonni Awurooppaa rakkoo baqattoonni biyyoota Afrikaa kanneen waraanaan miidhaman gadhiisanii karaa qaxxaamuraa imala balaafamaa Galaana Meditiraaniyaanii irra deemuun Awurooppaa seenuu irratti fulleeffatan furuuf yaalaa jiranitti yoo ta’u, imalli kunis yeroo baay’ee gareewwan yakkamtootaa gurmaa’aniin kan gaggeeffamuu dha. Kaawuunsiliin Awuroopaa akka jedhutti, "Murteen kun madaallii Komishinichi hordofee kan dhufe yoo ta'u, Ityoophiyaan lammiilee ishee seeraan ala biyyoota Gamtaa Awurooppaa keessa turanii deebi'anii simachuu irratti tumsi taasiftu gahaa akka hin taane xumuura irra ga’e jira.

Jalqaba baatii kanaa miseensonni mana maree Awurooppaa sirna godaansaa haaromfame raggaasisaniiru. Giddu-galli siyaasaa kan Gamtaa Awurooppaa deggeru akka jedhutti, kana gochuun filannoo paarlaamaa gamtichaa ji’a Waxabajjii keessa gaggeeffamu dura, lakkoofsa godaantota galmee seeraa ituu hin qabaatiin dhufan hir’isa jedha. Kunis deggersa biyyoota mirga leellisanii kanneen godaansa kana dhaabuu barbaadanii argachuuf ta’uun ibsamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG