Xurree ittiin seenan

Breaking News

BILINKEN: Gargaarsa Namoomaa Gaazaa Galchuurratti Fooyyaa’insi Argamus Isiraa’el Kana Caalaa Gochuu Qabdi


BILINKEN: Gargaarsa Namoomaa Gaazaa Galchuurratti Fooyyaa’insi Argamus Isiraa’el Kana Caalaa Gochuu Qabdi
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:42 0:00

Gargaarsi namoomaa gara Gaazaatti galchuu irratti fooyya’iinsi mul’ateera, jechuun har’a kan dubbatan Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Biliinken, garuu Israa’el kana caalaa gochuu qabdi jedhan. Blinken walgahii Mana Maree Tumsa Galoo Galaanaa waliin Riyaad keessatti taasisaniin, rakkoo namoomaa Gaazaa keessatti mul’atu salphisuuf karaan hundarra gaariin dhukaasa dhaabuun argamuu dha jedhan.

Blinken Wiixata har’a Sa’uudii Arabiyaa kan seene yoo ta’u, imala bal’aa Giddu galeessa bahaatti gaggeessuuf jiran keessatti jalqaba irratti sa’uuditti goran. Walgahiin Biliinken gita isaa biyyoota Arabaa shan jechuun– Qaxar, Masrii, Sa’uudii Arabiyaa, gamtaa Emireetota Arabaa fi Joordaan waliin taasisanis bulchiinsi Gaazaa waraana booda maal akka fakkaatu of keessaa qabaata jedhamee eegama.

''Dhugumatti akka waliigalaatti naannoo sanaaf daandii lamatu jira. Tokko, qoqqoodinsa, badiisa, jeequmsa, tasgabbii dhabuu dhaabbataatiin kan guutame. Inni biraa - ida'amuu guddaa, nageenya guddaa, nagaa guddaa. Walgahiin har’aa kun baay’een keenya daandii isa gaarii hordofuu akka barbaannu kan agarsiisu natti fakkaata.” Jedhan Bliinken.

Yeroo Masriin hoggantoota garee Islaamummaa Hamas keessummeessuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’el waliin taasifamuu irratti mari’atti jedhamee eegamaa ture Imalli Blinken kun dhaga’ame.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Maatiiw Miilar ibsa baasaniin akka jedhanitti, Blinken tattaaffii dhukaasa dhaabuu gochuun, Gaazaa keessatti namoota booji’aman gadhiifamuu fi gargaarsi namoomaa gara naannoo Sanaatti Akka Itti Fufu Ykn Akka Dabalu Taasisu Irratti Xiyyeeffata.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG