Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Naannoo Tigiraay Keessa Jiru Mariin Furuu Caalaa Humna Gargaaramuu Qaamni Barbaadu Jira, Jedhu Obbo Tamasgeen Xuruneh 


Itti Aanaa Mummicha Ministeera Itiyoophiya,a Obbo Tamasgan Xurunah
Itti Aanaa Mummicha Ministeera Itiyoophiya,a Obbo Tamasgan Xurunah

Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti rakkoo jiran mariin furuu caalaa humnaan gargaaramuu qaamnii barbaadu jira kan jedhan itti aanaa mummichi ministeera Itiyoophiyaa Obbo Tamasgan Xurunah, qaamnii kun gara nagaatti akka deebi’uu gochuu keessatti uummanni qooda gama isaatii akka ba’u gaafatanii jiru.

Kun ta’u baannaan garu mootummaan ergama isaa kan seera kabajsisuu akka hojii irra oolchu hubachiisan. Yaada itti aanaa mummichi ministeera kennan kana irratti deebii akka kennaniif waajiira ABUT keessatti itti gaafatamaa dame oloolaa kan ta’an Obbo Iyyaasuu Tasfaay bilbilaan kan argaman ta’uus, laftii jiran mijataa akka hin taanee fi deebisnee akka bilbilluu nutti himan iyyuu booda irra deebi’ee yoo bilbilameef iyyu hin kaasan. Ta’uus garu manni maree nageenya biyaaleessaa kamiisa dabree ibsa baasee, hidhattonni ABUThidhannaa hikkachuu akka qaban hubachiisuu ilaalchisee duraan sagalee Amerikaan kan gaafatamanObbo Iyyaasuun hojiin hidhannoo hikkachisuu waggaa tokko dura jalqabame jechuun isaanii ni yaadatama.

Garee hoggana sadarkaa olaanaa feedeeraalaa fi naannoon kan Obbo Tamasgeeniin durfamuf kun, guyyoota darban lama keessatti magaalaalee Dasee fi Komboolcha keessatti sochii misoomaa jiran daawwachuu isaa Mafin Arraagee Dasee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG