Xurree ittiin seenan

Breaking News

Finfinnee Keessatti Loolaan Bishaanii Lubbuu Namoota Afurii Galaafate


Wiixata har’a jechuun akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Bitooteessa 21 bara 2016 Kifle katamaa Boolee aanaa 11 warra ganuu jedhamee naannoo waamamuutti, balaa lolaa bishaanii mudateen lubbuun namoota 4 dabruu isaa waajirri hojii gaggeessaa magaalaa Finfinnee beeksisee jira.

Waajirri kun marsariitii haawaasaa kan ofii irratti akka ibseetti, bulchiinsii magaalaa handaara lagaatti hojii ijaarsaa maastar pilaanii ituu hin hordoofiin hojjataman, hawaasa balaa lolaa bishaaniif akka saaxilan qorannoon adda baasuuf hojjataa jira jedheera.

Balaa wal fakkaataan akka hin dhaqqabne gochuuf haawaasnii bulchiinsa magaalaa fi komiishiina hoggansa hojii ittisa balaa fi Ibiddaa biraa dhaamsa of-eeggannoo darban hojii irra akka oolchu hubachisee jira.

Haala wal fakkaatuun naanoolee Itiyoophiyaa kanneen biro keessattis baatii Bitooteessaa qabee hanga caamsaatti rooba Arfaasaa dhufu hordoofee balaan loolaa bishanii uumamuu akka danda’uu dhaabatii gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa(OCHAA)n jimaata dabree ibsa baaseen hubachisee jira.

Rooba kana hordoofees bulchiinsoota naannoo Afaar, Amaaraa, Oromiyaa somaalee fi Itiyoophiyaa kibbaa keessatti balaa wal fakkaataan mudachuu danda’uu iddoo isaa adda baasee kan beeksisee OCHAAn, jaarmayaaleen gargaarsaas deggersa namoomaa gochuuf qophii dursaa gochaa akka jiran hubachisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG