Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rooba Cimaa Rooberraa Kan Ka’e Lolaa Bishaanii Keeniyaatti Mudateen Hanga Wiixata Kaleessaatti Namoota 45 Du’an Jedhame


Rooba Cimaa Rooberraa Kan Ka’e Lolaa Bishaanii Keeniyaatti Mudateen Hanga Wiixata Kaleessaatti Namoota 45 Du’an Jedhame
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:02 0:00

Rooba cimaa Roobeen Keeniyaa Kaawuntii Nakuruutti balaan lolaa mudachuun hidhaan bishaanii Kaawuntii Sanaa keessaa guutuunii fi cabuu isaaniitiin lubbuun yoo xiqqaate lubbuun namoota 45 darbeera. Gareen baraarsitootaa akka beeksisaniittimmoo ammayyuu namoonni dhabaman waan jiraniif barbaachuun itti fufee jira jedhaniiru. Meerii Miwaangii kan balaa kanarraa hafteettu mucaa koo durbaa ishee dhumaa dugadatti baadhee bishaan nu fudhate mucaan koo kun akkan ani ishee hin gadhiisne na kadhachaa turte. Anis akkan ishee hin gadhiisneen itti himaa ture akka carraa ta’ee na jalaa duuteetti jettee, mucaan ishee durbaa guddoon immoo Hospitaala Mayii Mahuu seenuu ishee dubbatteetti.

Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo Kibxata har’aa wal ga’ii Kaabinee taasisuun namoota wiixata kaleessaa balaa lolaa bishaaniin miidhaan irra ga’eef tarkaanfii deeggarsaa taasisan ni ifoomsu. Akka gabaasa Riyooteersitti walakkeessa ji’a Bitooteessaarraa kaasee biyyoota Afirikaa bahaa keessatti rooba ciimaa roobuun balaa lolaa mudateen kan Wiixata kaleessaa Keeniyaatti uumame dabalatee namoonni 140 ol du’aniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG