Wiixata kaleessaa barattoonni Yuunivarsiitii Kolombiyaa Ajajaa fi akeekkachiisa Yuunivarsiiticharraa itti kennamu cinaatti dhiisuun Lammiilee Paaliistiin deeggaruun hiriira gaggeessaniiru. Bakkoota Kudhanii olitti dunkaana buufatanii mormii isaanii dhageessisaa kan jiran barattoonni Yuunivarsiitii Kolombiyaa sodaa barnootarraa ykn mooraa keessaa baafamuu isaan mudachuu malu dhiisuunidha. Qindeessiitoota hiriirichaa keessaa Suedaa Polaat “ barattoonni fi deeggartoonni hiriiricha warra bittimsanirraa sodaa hin qaban, kun dhimma seera cabsuu miti. Kuni warraaqasa. Isaanis hanga barbaachisutti asitti ni argamu, hawwaasa guddaa qabna. Baay’ee dandamachuu danda’u hanga humnaan nu bittineessaniitti asuma turra jette.
Westi Kostittis Yuunivarsiitii Waashingitan Siyaatiil keessatti barattonni Yuunivarsiitii buufata haaraa dhaabuun waraanni Gaazaa keessa akka dhaabbatuu gafachuun hanga gaaffiin keenya deebii argatuttis mormii taasisuu keenya hin dhaabnu jedhaniiru. Deeggartoota Israa’eel warri ta’animmoo barattoonni hiriira gaggeessan maaliif waa’ee Hamaasii fi namoota butamanii fudhatamanii hin kaasanii jechuun gaafatu.
Barattoonni Yuunivarsiitiiwwanii waamicha dhukaasa dhaabuu jedhuun alatti furmaata yeroo dheeraa ilaalchisee ergaan isaanii garaagarummaa qaba. Gariin isaanii mootummaa dimokiraatawwaa gara fuula duraatti lammilleef hundaaf akka hundaa’u kan abdatan yommuu ta’u, kanneen hiriira mormii kana qindeessanimmoo guutummaa Addunyaatti fincilli dhaadannoon Intifaadaa irra deebi’amuu dubbatu.
Forum