Hogganaan dhaabbata daandii qileensa Ityoophiyaa obboo Mesfin Xaaseewu Roobii har’aa dhaabataa oduu Rooyitersii wajjin marii taasisaniini dhaabbatichii lakoofisaa imalatootaa caalaatti dabaluudhaaf karooraa qabaatus daanqaawwan adda addaa akka isaa muudachaa jiru ibsaniiru. Daanqaawwan kana keesaa tokko kan ta’ee hanqinaa Xiyaarootaa akka ta’e kan ibsan Obbo Masfin Xaasewu, Xiyyaaroonni haaraan dhaabbata Booying irraa bituudhaaf ajjajaman yeroodhaan qaqqabuu hin dandeenye.
Bara 2023 keessa amma ji’a Waxabajjiitti imaltootaa miiliyoonii 13.9 tajaajiluu isaa kan ibsee dhaabanni daandii qileensa Ityoophiyaa, akaakuu xiyyaaraa Booyiing harkaa qabuu isa MAX jedhamee beekamutti sababa nageenyaatiin kan ka’ee fayyadamaa akka hin jirres ibsuun isaa gabaasameera.
Xiyyaarawwan hojii irra hin jirree sireesuudhaa fi warren bittaadhaaf ajajaman dhiheesuudhaan naabbanni Booying haala gaarii irraa akka jiru kan dubbatan hogganaan daandii qileensa Ityoophiyaa, yeroo ammaa dhaabatichii xiyyaarotaa 146n tajaajila kenna jira. Dhaabatichii bara 2035 ti lakkoofsa namoottan itti fayyadamanuu dachaadhaan dabaluf kan karoorfate yemuu ta’u, karoora isaa kana fixaan baasuuf Xiyyaarotaa Booying fi Eerbaas 70 ajajee, 54 biroo immoo ajajuudhaaf akka karoorfatee ibsameera.
Daandiin qileensa Ityoophiyaa, bakkaawan itti balali’u haaraa dabalaa akka jiru kan ibsee gabaasiin Rooyiters, tajaajilaa fe’isaa doolaara miiliyoonii 55ti shalagamuu kennuudhaafis dhaabataa daldalaa biyya Chaayinaa kan akka Alibaaba wajjin hojachaa akka jirus ibsee jira.
Forum