Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pooliosiin Magaala Niw Yoork Barattootaa Yuniversitii Kolombiyaa To’annaa Jala Oolche


Pooliosiin Magaala Niw Yoork Barattootaa Yuniversitii Kolombiyaa To’annaa Jala Oolche
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:53 0:00

Poolisoonii Magaala Niwu Yoorkii Yuniversitii Kolombiyaa keesaa seenudhaan baratootaa Palastaayiniin degeruudhaan mormii taasisaa jira heduu hidhuun isaanii beekameera. Ibsii dubbii himaa Yuniversitii Kolombiyaa irraa bahe akka jedhetti poolisiin magaala Niwu yoorkii Yuniiversiticha keessa kan seene gaafii bulchiinsii Yuniveersitichaa dhiheessen yemuu ta’u, gaaffichis kan dhihaatee nageenya hawaasa Yuniversitichaa mirkaneesuudhaaf akka ta’edha kan himame.

Prezidaantiin Yuniverstii Kolombiyaa Minoouchee Shafik umnii poolisii magaala Niwu Yoork akka mooraa Universitichaa seenee baratoota bakkaawwan adda addaa qabatanii mormaa jiran bittineesanii fi galamaawwan yuniversitichaa qulquleessani xalayaadhaan gaafachuu isanii beeksisani amma caamsaa 17 ti umnii Poolisii akka Yuniversiticha keesaa akka turu ibsaniiru. Gareen mooraa Yuniversitii Kolombiyaa jedhamu tarkaanfii bulchiinsii Yuniversitiichaa mormuudhaan dhimichii Yuniversiticha keessatti rawwachuu qabaa ture jedhanii jiru.

Gareen waldaa profeeseroota Amerikaa dameen Yuniversitii Kolombiyaa qaama meeshaa waraanaa hidhatee Yuniversitii keessa akka galu gochuun nageenyaa hawaasa Yuniversitichaa balaa irraa buusuudhaa jechuun isaa beekameera. Mormiin barattoota Yunivesrsitii Yunaayitid Niwu Yoorkii alatti, kutaa Teeksaas, kaliiforniyaa, Waashingten Diisii fi bakkaawan adda addaatti adeemaa jiraachuun isaa gabaasamaa jira.

Dhaabbata mootumootaa gamtoomanitti itti gaafatamaan dhimma mirga namoomaa Voolker Tark yaada kennaniin, yaada ofii bilisaan ibsachuunii fi walgahii naga qabeesa ta’e taasisuun mirgaa bu’uraa akka ta’e ibsanii jiru. Haasaan jibiinsaa fudhatama akka hin qabne kan ibsan barreesaan muummee dhaabbata mootumoota gamtoomanii Antooniiyoo Guterees mirgii yaada ofii ibsachuu fi walgahii naga qabeessa ta’e geggeesuu kabajamuu akka qabu ibsuun isaanii gabaasameera

Forum

XS
SM
MD
LG