Kaadhimamaan prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis kan ta’an Doonaald Tiraamp torban kana kutaa Michigaan keessatti duula filannoo geggeessuuf karoorfatanii jiru. Filannoo baatii Sadaasa dhuftu geggeessamu irratti kutaan Michigaan falmisiisaa dorgommii cimaan keessatti geggeessamu keessaa ti. Kanneen Kutaa sana keessaa filannoof sagalee kennan bara 2016 keessa Tiraampiin filatan. Bara 2020 immoo Joo Baayideniif sagalee kennan. Duulli filannoo kaadhimamtoota lamaanii filannoo baatii Sadaasa dhuftuu ni injifanna jedhanii kutaa yaadanii dha jedha gabaasi Iskoot Isterns.
Kaadhimamtoonni Prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis Kutaa Mishigaan Keessatti Injifachuuf Wal Dorgomaa Jiran
- VOA
Forum