Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunivarsitiin Kaalifoorniyaa Mormiin Barattoonni Falasxiinota Deggeran Mooricha Keessatti Geggeessan Seeraa-ala Jechuun Poolsii Itti Waame  


Poolisoonni barattoota Yunversiitii Kaalifoorniyaa keessatti mormii bahanitti deemaa jiran, Loos Aanjeles, Kaalifoorniyaa, Caamsaa 2, 2024.
Poolisoonni barattoota Yunversiitii Kaalifoorniyaa keessatti mormii bahanitti deemaa jiran, Loos Aanjeles, Kaalifoorniyaa, Caamsaa 2, 2024.

Angawaoonni Yuunivarsiitii Kaalifoorniyaa, kan Loosaanjeles barattoonni Paaleestiniin deeggaruun mormiin mooraa Yuunivarsiitichaa keessatti gaggeessan seeraan ala jedhee labsuudhaan Poolisiin warra mormii gaggeessaa jiran mooricha keessaa akka baasu gaafatan.

Angawoonni Yuunivarsiitii Kaalifoorniyaa Yuunivarsiiticha keessatti barattoonni deeggarsa Paaleestiiniif mormiin gaggeessaa jiran seer-maleedha jechuu isaanii hordofee Kamisa har’aa ganamaan Poolisoonni tarkaanfii akka fudhatan fi namoota walitti qabamanii jiran akka bittimsaniif gaafataniiru.

Poolisiin gara mooraa yuunivarsiitichaatti kan seene halkanirraa kaasee yommuu ta’u kanneen Israa’eeliin deeggaran warra deeggartoota Paaleestiin kanneen mormiif ba’an irratti waantoota garaa garaa daddarbachuu erga jalqabaniin booda. Kanneen Israa’eeliin deeggaran kunneen warri deeggartoota Paaleestiin ta’an yuunivarsiiticha gadhiisanii akka ba’an barbaaduu isaanii hordofee Poolisiin tarkaanfii fudhateeras kan jedhame. Chaansilarri Yuuniivarsiitii Kaalifoorniyaa kan Loosanjels Jinii Bilook Jeequmsa Roobii galgala uumameef garee jeequmsa kakaastootaa jechuun komataniiru.

Mormiin Yuunivarsiitii Kaalifoorniyaa kan Loos Anjeels keessatti taasifame mormii deeggarsa lammiilee Paaleestiiniif guutummaa Yuunivarsiitii biyya Yuunaayitid Isteetsi Keessatti taasifamaa jiru keessaa tokko yommuu ta’u , mormii kana hodofees kanneen dhibbootaan lakkaa’aman to’annaa jala oolfamaniiru.

Yuunivarsiitii Kolombiyaa Isa magaalaa Niwuuyoorkitti argamu keessatti barattoonni mormii taasisaa jiran gamoo tokko dhuunfachuu isaanii hordofee , barnoonni seemisteera kanaa inni dhuma jala ga’eeru barattoonni gara mana isaaniitti deebi’uun fageenyaarra akka xumuramu jechuun ajaja dabarsee, mooricha namni hunduu gadhiisee akka ba’u dirqisiiseera. Murtoo bulchiinsa Yuunivarsiitichaa hordofees Poolisiin Kibxata kaleessaa mooricha keessaa humnaan warra mormii deeggarsa Paaleestiinirra jiran kan baasee yommuu ta’u namoota gara 300 immoo to’annaa jala oolcheera.

Forum

XS
SM
MD
LG