Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa 'Hidhattoonni Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Waraansa Sudaan Keessaatti Hirmaatan,' Kan Jedhame Qorataa Jira


Dubbii himaan ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa Nabiyyuu Tadilaa har’a ibsa sabahimaaleef kennan irratti isa gareen humna waraanaa humna addaa Sudaan warri RSF jedhaman loltoonni Adda bilisa baasaa Uummata Tigiraay wal waraansa Sudaan keessatti garee humna waraanaa Sudaan deeggaruun keessatti hirmaachaa jirun himannaa dhiyyeesse mootummaan Itiyoophiyaa qulqulleessuuf yaalaa jira jedhanii, Imbaasiin Itiyoophiyaa Kaartuum keessa tures sababa wal waraansa kanaan cufamuu ibsanii, dhimmichi qulqulleessuu barbaada waan ta’eef erga qulqulleeffanneen booda ibsa bal’aa irratti kenninas jedhaniiru.

Dhimma kana ilaalchisuun Bulchiinsi Yeroo kan naannoo Tigiraay gama isaan kanaan dura himannaa sobaati jedhee balaaleffachuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Sudaanitti eeggataa ministira haajaa alaa ta’uun kan muudaman Ambaasaddar Huseen Awaad Alii guyyaa kaleessaa Itiyoophiyaati daawwannaa hojii kan taasisan yommuu ta’u, Itiyoophiyaan Sudaan keessatti nageenyi hundi galeessi akka dhufuuf ga’ee ba’attu irratti mariin taasifamuu Nabiyyuu Tadilaa dubbii himaan ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa Ibsaniiru.

Dubbii himaan ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa dhimmi biraan irratti ibsa kennan Gamtaan Awurooppaa Mootummaan Itiyoophiyaa lammiile isaa kanneen eeyyama jireenyaa osoo hin argatiin biyyoota gamtichaa keessa jiraatan gara biyyaatti deebisuuf tattaaffii taasfamurratti deeggarsa ga’aa hin taasifne jechuun Keeninsa Viisaa Itiyoophiyaanoota irratti murteen gamtichi dabarse sirrii miti jedhaniiru.

Akka Ibsa Nabiyyuu Tadilaatti mootummaan koree dhaabee namoota karaa seeraan alaa biyyoota Awurooppaa keessa jiran deebisuuf socho’aa yeroo jiruttidha jedhanii namoonni seeraan ala gara biyyoota gamichaatti seenaniiru jedhaman dhimma qulqulleeffanna barbaadudha. Tibbana Gamtichaan lammiilee

Itiyoophiyaati jedhamanii namoonni 89 adda baafaman keessaa yommuu qulqulleeffaman namoota 26 qofatu lammiilee Itiyoophiyaati . Isaan keessaas 15 gara biyyaatti deebifamaniiru jedhan. Murtoon Gamtaan Awurooppaa dabarse murtoo sirrii akka hin taane karaa Adeemsa dippiloomaasii eeggateen mootummaan gamticha beeksiisuu isaa ibsaniiru jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG