Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Yunaayitid Isteetis Ka Gaanfa Afrikaa Maayik Hamar Naannichatti Imaluuf Jiran


FAAYILII Gaanfaa Afrikaatti bakka bu’aa addaa mootummaa Yunaayitid Isteets kan ta’an Maayik Hamer
FAAYILII Gaanfaa Afrikaatti bakka bu’aa addaa mootummaa Yunaayitid Isteets kan ta’an Maayik Hamer

Gaanfaa Afrikaatti bakka bu’aa addaa mootummaa Yunaayitid Isteets kan ta’an Maayik Hamer, Caamsaa 8 kaaseea amma Caamsaa 19 bara 2024 biyyoottan gaanfa Afrikaa keesaatti akka daawwanaa taasisan beekameeraa.

Amaabaasader Hamer, dursanii kan imalan gara Keeniyaati yemuu ta’u Nayiroobii keessati haanga’otaa mootummaa biyyatii wajjin wa’ee dhimmoottan waloo fi dhimmoottan naannoo Irratti akka maryatan ibsameera.

Maayik Hamer Ityoophiyaa keessatti daawwannaa taasisanuun haanga’ootaa gamtaa Afrikaa fi haanga’oota mootummaa Itiyoophiyaa wajjin dhimoottan nageenyaa naannoon walqabatan irratti ni dhubbatau.

Keessumaa raawwaanna waligaltee nageenyaa Pritoriyaa irratti haanga’ootaa mootuummaa yeroo naannoo Tigraay wajjin walarguudhaan ittu gara lolaatti hin deebi’in akkaataa waldhabdee marii siyaasaatiin hiikun danda’amu irratti ni maryatuu jedhameera. Haala nageenyaa naannoo Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keesaa jiru irratti, akkasumas sarbiinsa mirga namoomaa raawwatan irratti qorannaawwan taasifamaa jiran ilaalchisee akka dubbatan ibsameera.

Dhuma irraatis Maayyik Hameer gama Jibuutti ce’udhaan waa’ee nageenyaa naannoo irratti haanga’ootaa mootummaa biyyatii wajjin akka marii taasisan ibsii ministeeraa dhimma alaa Yunaayitid Isteets irraa bahe beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG