Xurree ittiin seenan

Breaking News

Benishaangul Gumuz Keessatti Haleellaa Hidhattootaan Geggeessameen Namni Tokko Du’ee, Knneen Kuma Shan Tahan Buqqa’an, Jedhame


FAAYILII - Naannoo Beenishaangul Magaala Asoosaa
FAAYILII - Naannoo Beenishaangul Magaala Asoosaa

Godina Matakkal aanaa Dibaaxeetti halleellaa hidhattootaan fudhatameen namni tokko yommuu du’u, jiraattoonni Kuma Shan ta’animmoo qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.

Bulchiinsa mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz Aanaa dibaaxee ganda Qorqee keessatti turban darbe Kibxata , Bitootessa 21 bara 2016 haleellaa hidhattoonni bananiin lubbuun nma tokkoo du’uu, fi manneen jireenyaa 30 gubachuu namni maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan sagalee Ameerikaatti himaniiru. Hidhattoonni haleellaa kana fudhatan kanneen kana dura bosona seenuun mootummaa waliin falmaa gaggeessaa turanii fi mootummaa waliin araraamuun gara jireenyaatti nagaatti debi’anidha jedhu namoonni miidhaan irra ga’e.

Waamicha nagaa mootummaa naannichaa fudhatanii qabsoo hidhannoo dhiisanii gara nagaatti kan deebi’aniiranii fi yeroo ammaa bulchiinsa naannoo beenishaangulitti hoogganaa biiroo qindeessa hirmaannaa uummataa hidhaa laga abbayyaa kan ta’an, akkasumas hoogganaa sochii dimokiraatawaa uummata Gumuz kan ta’an Obbo Giraanyi Guddataa himannaa hidhattoota isaanii irratti ka’eef , hidhattoonni keenya gochicha keessaa harka hin qaban jedhanii gochicha kan raawwate hidhattoota waraana bilisummaa Oromootis jedhaniiru.

Bulchaa bulchinsa Godina Matakkal kan ta’an Obbo Lammeessaa Wayyawaa irraa dhimma kanarratti deebii argachuuf bilbila harkaa isaaniirratti irra deddeebbiin bilbillus hin deebisan.

Bulchiinsa naannoo Beenishaanguul Godina Matakkal Aanaa Gilgel Beles keessatti hidhattooni kanaan dura qabsoo hidhannoorra turanii mootummaa waliin walii galanii gara nagaatti deebi’an waadaan mootummaan nuuf seene nuuf hin raawwatamne jechuun lammiilee nagaa irratti tarkaanfii fudhataniiru jechuun Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa torban darbe gabaasa baasuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama Jechuun Bahaardaar Irraa Asteer Misgaanaawutu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG