Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensonni Naga-Eegumsaa Itiyoophiyaa Duraanii Sudaan Keessa Da'atanii Jiran Yaaddoo Nageenyaa Akka Qaban Quba Qabaachuusaa UNHCR Dubbate 


FILE -Miseensoota Naga-Eegumsaa Mootummoota Gamtoomanii, Waxabajii 18, 2017.
FILE -Miseensoota Naga-Eegumsaa Mootummoota Gamtoomanii, Waxabajii 18, 2017.

Sudaan keessa daahatanii kan jiran miseensoonni Humna nagaa kabajsisuu kan Itiyoophiyaa himannaa humnii saffisaa kan sudaan dhiyeenya kana dhiyeesse waliin wal qabatee yaaddoo nageenyaa kan qaban ta’u ibsanii jiru.

Sodaa nageenyaaf jecha eenyummaan isaanii akka hin ibsamnee kan gaafatan dhalattoota Tigraay kanneen miseensa garee nagaa kabajsisuu turan kun Sagalee Amerikaa waliin gaaffii deebii gaggeessaniin gareen humna saffisaa kan Sudaan ibsa baaseen Hidhattonni Adda Bilisummaa Uummata Tigraay ykn HIWAAT wal waraansa Sudaan keessatti hirmaataniiru jechuun himannaan dhiyeesse buufata dahannaa keessa jirru keessatti haleellaa nu irraan ga’uu yaaddoo jedhu qabna jedhan.

Looltoota waan taaneef jecha eegumsii addaa kan nubarbaachisu ta’uus, qaamoota dhimmi ilaaluu irraa kanaaf sochiin taasiifame hin jiru jedhanii, UNHCR akka waliigaltee Pritoriiyaatti mootummaa Itiyoophiyaa waliin dubbatee biyya isaanti akka isaan deebisuu, kun ta’u baannaan immo, gara biyya sadaffaati akka isaan geessuuf gaaffiin dhiyeessan furmaata hin arganne jedhu.

Dhimma kana ilaalchisee sagalee Amerikaaf deebii gama Imeelii erganiin yaada kan kennan komishinarri dhaaba baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa (UNHCR) yaaddoo nageenyaa isaan qaban nan hubadha, itti dhiyeenyaan hordofaa jirra jedhee, komiishiina godaantootaa kan sudaan waliin dubbachuun, eeguumsa fi deggersa gochaafii jirru itti fuufna jedhan.

Furmaata kana irratti qiyyaafatees barbaadaan jira jechuu isaanii Gabra Mikaa’eel Gabra Medhin Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG