Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Gambeelaa Aanaa Addaa Itaang Keessatti Walitti-bu’iinsi Uumame Lubbuu Namoota 11 Galaafate


Dilbata darbe jechuun Caamsaa 4 bara 2016 akka lakkoobsa Itiyoophyaatti ganama sa’a 11tti naanoo Gambeelaa aanaa addaa Itaange keessatti hidhattootaa fi humnoota nageenya mootummaa gidduutti walitti bu’iinsa uumameen namoonni 11 ajjeefamuu waajjirri nagaa fi nageenya naannoo sanaa VOAf ibsee jira. Walitti bu’iinsa kanaan hawaasa keessaa namoonni 8 yoo ajjeefaman humnoota mootummaa keessaa immoo 3 ajjeefamuu isaaniif kanneen 23 ta’an madaa’uu itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Bagwaal Jook barreeffama gabaabaa erganiin VOAf ibsanii jiran.

Paartii momituu Sochiin dimokraasummaa uummata Gambeelaa jedhamuuf dura taa’aa kan ta’an obbo Saaymen Tuut gama isaan namoota ajjeefamanitti dabalee jiraattonni kuma 15 ol qe’ee ofii irra buqqa’uufi beeladaaleenis baduu isaanii dubbatan. Waajjirri qindeessa sodaa balaa naannoo sanaaf itti gaafatamaa kan ta’an obbo Gaadbeel Muun immoo sababaa walitti bu’iinsa sanaan uummati kuma 10 ol qe’ee isaa irra buqqa’eeraa, deggersa gochuufis gargaarsa barbaadaa jirra jedha.

Hospitaala sadarkaa duraa magaalaa Gambeelaaf itti gaafatamaa kan ta’an obbo Roon Goony Dilbata darbe walitti bu’iinsa sanaan kanneen miidhaman hangi tokko gara hospitaalaa dhufuu isaanii ibsanii namni du’e garuu akka hin turre dubbatan. Naannoo walitti bu’iinsi sun itti uumame gandeen jiran keessaa jiraattonni guutummaan dhiisanii ba’uu kan dubbatan dura taa’aan paartii sochii dimokraasummaa uummata Gambeelaa obbo Saayimen Tuut, aanaa addaa Itaanfii fi magaalaa Gambeelaa irra fageenya km 45 fagaatee bakka jiru gidduu sochiin geejjibaa danqamuu isaa dubbataniiru jedha gabaaei Gebremikaa’el Gebremedin.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG