Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoota Naannoo Tigiraay Duraanii Kuma 75 Geggeessuu Kan Jalaqabu Ta’uu Koomishinni Haaromsaa Beeksise


FAAYILII - Loltoota humna waraanaa Tigraayif amanamoo ta'an
FAAYILII - Loltoota humna waraanaa Tigraayif amanamoo ta'an

Naannoo Tigiraay keessatti caasaa ijaarsa loltoota duraanii diiguu dhaan gara jireenya nagaatti hojiin deebisuu baatii lama booda akka jalqabamu kan ibse komiishinni haaromsa biyyoolessaa marsaa jalqabaatiin loltoota duraanii kuma 75 akka geggeessu ibseera.

Itti aanaa komiishinerri komiishinichaa Tesfalem Yihidegoo VOAf akka himanitti, caasaa loltoota duraanii diiguuf maallaqi guddaan akka barbaachisu tuqanii, baatilee itti aanan lamaan keessa sadarkaa biyyaa fi sadarkaa addunyaatti hojiin qabeenyaa walitti qabuu ni raawwatama jedhan. Oduu ka biroon paartii Badhaadhinaa fi ABUT gidduutti kan jalqabame mariin paariilee gidduu yeroo sadaffaaf Roobii kaleessaa magaalaa Maqalee keessatti geggeessameera.

Loltoota kana gara hawaasaatti makuuf mariin jalqabaa guyyoota sadan darban magaalaa Maqalee keessatti geggeessamuu isaa illee komiishiner Tesfalem VOAf ibsaniiru. Marsaa jalqabaatiin kana dura naannoo Tigraay keessa maatii ofii waliin akka turan taasisamanii kan turan loltoonni duraanii kuma 50 ta’an kan keessatti haammataman ta’uu obbo Tesfalem dubbatanii jiru.

Sadarkaa biyyaatti loltoonni duraanii kummi 371 jiraachuu isaanii kan ibsan itti aanaa komiishinerichi, kanneen keessaas dhibba irraa harka 74 kanneen ta’an loltoonni duraanii kummi 274 naannoo Tigraay keessatti kan argaman ta’uu ibsnaiiru. Kanneen kana hawaasatti akka makaman gochuuf foolaara miliyoonni $750 kan barbaachisu ta’uu ibsanii qorannaan dabalataa kan barbaachisu ta’uu eeraniiru.

Ministira deettaan ministeera dhimma alaa ambaasaadder Misgaanuu Areggaa bakka bu’aa gaanfa Afriikaa ambaasaadder Maayik Hamer waliin marii geggeessaniin loltoota duraanii hawaasatti maquuf akkasumas walii galtee Pritooriyaa hojii irra oolchuuf deggersi sadarkaa addunyaa akka barbaachisu mari’achuu isaanii ministeerri haajaa alaa Itiyoophiyaa ibsa baaseen beeksiseera jechuun Mulugeta Atsbeha gabaaseera.

Naannoo Tigiraay keessatti caasaa ijaarsa loltoota duraanii diiguu dhaan gara jireenya nagaatti hojiin deebisuu baatii lama booda akka jalqabamu kan ibse komiishinni haaromsa biyyoolessaa marsaa jalqabaatiin loltoota duraanii kuma 75 akka geggeessu ibseera.

Itti aanaa komiishinerri komiishinichaa Tesfalem Yihidegoo VOAf akka himanitti, caasaa loltoota duraanii diiguuf maallaqi guddaan akka barbaachisu tuqanii, baatilee itti aanan lamaan keessa sadarkaa biyyaa fi sadarkaa addunyaatti hojiin qabeenyaa walitti qabuu ni raawwatama jedhan.

Oduu ka biroon paartii Badhaadhinaa fi ABUT gidduutti kan jalqabame mariin paariilee gidduu yeroo sadaffaaf Roobii kaleessaa magaalaa Maqalee keessatti geggeessameera. Loltoota kana gara hawaasaatti makuuf mariin jalqabaa guyyoota sadan darban magaalaa Maqalee keessatti geggeessamuu isaa illee komiishiner Tesfalem VOAf ibsaniiru.

Marsaa jalqabaatiin kana dura naannoo Tigraay keessa maatii ofii waliin akka turan taasisamanii kan turan loltoonni duraanii kuma 50 ta’an kan keessatti haammataman ta’uu obbo Tesfalem dubbatanii jiru.

Sadarkaa biyyaatti loltoonni duraanii kummi 371 jiraachuu isaanii kan ibsan itti aanaa komiishinerichi, kanneen keessaas dhibba irraa harka 74 kanneen ta’an loltoonni duraanii kummi 274 naannoo Tigraay keessatti kan argaman ta’uu ibsnaiiru. Kanneen kana hawaasatti akka makaman gochuuf foolaara miliyoonni $750 kan barbaachisu ta’uu ibsanii qorannaan dabalataa kan barbaachisu ta’uu eeraniiru.

Ministira deettaan ministeera dhimma alaa ambaasaadder Misgaanuu Areggaa bakka bu’aa gaanfa Afriikaa ambaasaadder Maayik Hamer waliin marii geggeessaniin loltoota duraanii hawaasatti maquuf akkasumas walii galtee Pritooriyaa hojii irra oolchuuf deggersi sadarkaa addunyaa akka barbaachisu mari’achuu isaanii ministeerri haajaa alaa Itiyoophiyaa ibsa baaseen beeksiseera jechuun Mulugeta Atsbeha gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG