Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Dhimma Namoota Biyyoota Alaa Taa’anii Itiyoophiyaa Jeeqan Jedhamanii Qorataan Jira Jetti


Itiyoophiyaatti ambaasaaddera Yunaayitid Isteeytis kan ta’an Ervin Masiingaa ajajaa poolisii federaalaa Itiyooophiyaa Demmellaash Gebremikaa’el waliin torban darbe wal arganii mari’achuu isaanii Finfinneetti kan argamu embasiin biyyattii fi poolisiin federaalaa beeksisaniiru. Poolisiin federaala Itiyophiyaa Jimaata darbe Caamsaa 2 bara 2016 fuula Feesbook isaa irratti ibsa maxxanseen Yunaayititd Isteetis keessa kanneen jiraatanii fi mootummaa Itiyoophiyaan dhimmoota namoota barbaadamanii komishinericaan ka’anii dubbatamuu ibsee jira.

Komishinerichi “kanneen nagaa fi nageenya biyya keenyaa jeeqan” jechuun kan isaan ibsan namoota barbaadaman dabarsanii kennuu irratti ambaasaadderichi wal ta’iinsa akka taasisan gaafachuu isaaniis poolisiin Federaalaa tuqee jira. Kana irraa ka’uu dhaan kan VOAn dubbisa Finfinneetti kan argamu embasii Yunaayitid Isteetsii fi dubbi himaa kan ta’an Maarzoon Kamraanii deebii gama e-mail kennaniin, ambaasaadderichi fi komiishinerri komiishina poolisii federaalaa Jeneraal Demmellaash Gerbre Mikaa’l jimaata darbe wal arganii Yunaayitid Isteetis irraa haaswaa namoota kakaasan kanneen facaasan rakkoolee isaan uumanii fi qaamotii kanaan galii walitti qabamu ilaalchisee mari’achuu isaanii ibsaniiru.

Yunaayitid Isteetis dhimma isaa seera hojii irra oolee jiruu fi gama mirga heeraatiin ilaalaa akka jiru ambaasaadderichi tuqu uisaanii dubbi himaan kun ibsaniiru. Embasichas ta’e komiishinni poolisii Federaalaa namoota dhuunfaas ta’e qaamotii isaan maqaa dha’an hin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG