Kaaba Ityoophiyaa keessatti Bakkaawwaan Mootummaan Feederaalaa walfalmiisiisaa akka ta’an ibsaa jiru keessa tokko kan ta’ee naanno Raayyaa keessatti tajaajilli Bu’uuraalee misoomaa gargar cituun isaanii ibsameera. Sababa kanaan tajaajilli hospitaala magaala Allaamaaxaa ji’a tokkoof waan gargar cite tureef ijoolleewan 8 dabalatee lubbuun namoottan 11 dhabiinsa waldhaansaatiin kan ka’ee akka darbe kantiibaan magaala Allaamaaxaa, Obbo Hayiluu Abarraa Sagalee Amerikaatti himanii jiru.
Bakkaawaan gaafiin kan eenyummaa fi gaafiin ofiin of bulchuu itti ka’aa jiruu magaala Allaamaaxaa, Raayyaa Allaamaaxaa, Raayyaa Baallaa fi Korem keessaati mannoottan baruumsaa argaman 123 keessa barattoonni baratan kuma 42 ol ta’an baruumsaa isaanii addaan kutuu isaanii kantiibaan magaala Allaamaaxaa dabalanii ibsaniiru.
Dhimma kana irratti Biiroo komunikeshiinii naanno Tigraayii fi bulchiinsaa godina kibbaa Tigraay irraa deebii argachuudhaaf yaaliin taasifamee akka hin milkoofnee Masfin Arraagee gabaaseera.
Forum