Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Chaayinaa Prezidaantii Raashiyaa Simatanii Haasawa Taasisaniin Hariiroo Biyyoota Lamaanii Daran Cimsuuf Waadaa Seenan


Prezidaantiin Chaayinaa Prezidaantii Raashiyaa Simatanii Haasawa Taasisaniin Hariiroo Biyyoota Lamaanii Daran Cimsuuf Waadaa Seenan
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:33 0:00

Prezidaantiin Chaayinaa Xi Jinping ennaa prezidaantii Raashaa Vilaadmir Putin mariif Beejiingitti simatanitti, hariiroo Chaayinaa fi Raashaa gidduu jirutti gammaduu isaanii ibsanii, hariiroo isaanii cimsuuf waadaa seenanii jiran. Chaayinaatti daawwannaa guyyootii lamaa kan geggeessan Putin, hariiroo biyyota lamaan tasgabbii biyya lafaa kan fidu dha jedhanii, walitti dhufeenyi Raashaa fi Chaayinaa faallaa eenyuu iyyuu dhaabbachuuf miti jchuu dhaan dhaabbati oduu mootummaa RIA novosti gabaasee jira.

Putin Chaayinaan haala Yukireen keessaa furuuf tattaaffii iseen gooteef galateeffatanii, waa’ee haala yeroo jiru Prezidaant Xi,f akka ibsan dubbataniiru. Bara 2022 baatii Guraandhalaa keessa erga Raashyaan Yukireeniin weerartee qabee balaaleffannaan sadarkaa addunyaaf uggurre warreen gama dhiyaa Putin humnootii waraana isaanii gamasii akka baasan dhiibbaa gochuuf ture.

Dhaabbati oduu mootummaa Chaayinaa Xinhua,n Putiniin maqaa dha’uun Roobii kaleessaa akka gabaasetti Raashiaan takkaa walitti bu’iinsa jiru furuuf mariif tole jechuu hin hafne jedhan. kanaaf Raashaan walitti bu’iinsa kana karaa nagaan furuuf furmaata haqaa fi waarinsaa barbaaddi jedhan. Prezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskii karoora nageenyaa kan dhiyeessan yoo ta’u, Switzerlaand immoo marii araaraa baatii dhuftu geggeessamu keessummeessuuf jirti, Chaayinaan garuu hin affeeramne. Yukireen humnoonni Raashyaa kan Raashaan qabiyyee koo ti jette dabalatee guutummaa dhaa biyya ishee gad dhiisanii akka ba’an barbaaddi.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG