Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootuummaa fi Kanneen Dhimmi Ilaallatu Marti Nagaaf Xiyyeeffanno Kennuun Hojjechuu Qabu Jedhu  Dargaggoonni Magaalaa Maqalee


FAAYILII - Magaala Maqalee, naannoo Tigraay
FAAYILII - Magaala Maqalee, naannoo Tigraay

Dhabamuun nageenyaa jiruu keenya irratti dhiibbaa guddaa geessiseera kan dargaggoonni magaalaa Maqalee Mootuummaa fi kanneen isaan ilaallatu hundu Nagaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjechuu qabu jechuun waamicha dhiyyeessan.

Yeroo hunda waggaa waggaan gaafa Caamsaa 16 Addunyaarratti kabajamee kan oolu “nagaan waliin jiraachuu” jedhu guyyaa kaleessaa magaalaa Maqaleetti dhaabbanni Koorner Ameerikaa jedhamu dhaabbilee hawwaasaa biroo waliin ta’uun qopheessaan irratti kan dargaggoonni Kun waamicha dhiyyeessan. Qindeessaan dhabbata korner Ameerikaa Obbo Shiishaay Uqaar haasaa dhageessisaniin dargaggoonni nageenyaaf ga’ee akka qabaataniif dhaabbanni keenya hojjechaa jira jedhaniiru.

Dargaggoonni guyyaa nagaan waliin jiraachuu bara kana Maqaleetti kabajame irratti dargaggoonni hirmaatan wal waraansi Kaaba Itiyoophiyaa keessa ture gatii guddaa nu kaffalchiiseera jedhanii barnoota nuuf ta’u qabas jedhaniiru.

Efireem Jaamboo kan waltajjii kanarratti hirmaateeru sagalee Ameerikaatti akka himetti Wal waraansichi firoottan isaa akka dhabau isa taasiisuu ibsuun ,

mootummaanis ta’e qaamoleen biroo nagaan waliin jiraachuun ergaa isaanii yeroo hundaa ta’uu qaba jedheera.

Dhaabbata hawwaasaa Raayiz endi Shaayiin jedhamu kan dubartoota irratti hojjetu kan hooggantu Leeyilaa Yusuuf immoo waltajiiwwan akkanaa kan nagaa labsan baay’achuu qabu jechuun ibsiteetti. Guyaan nagaan waliin Jiraachuu Idil Addunyaa bara kana mata duree nagaa barbaadna jedhuun dhaabbata mootummoota gamtoomaniin kabajamee ooleera jechuun Maqaleerraa Muluugeetaa Astibaahaatu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:19 0:00
More
XS
SM
MD
LG