Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qesiis Balaay Mekonninii fi Shakkamtoota Biroo Afur Irratti Abbaan-alangaa Himannaa Malaammaltummaa Cimaa Dhiheesse


Dhimma Qesiis Balaay Mekonninii fi Shakkamtoota Biroo Afur
Dhimma Qesiis Balaay Mekonninii fi Shakkamtoota Biroo Afur

Qasiis Balaay Makonnan fi shakkamtoota ka biroo afuur irratti Abbaan alangaa himata yakka malaamaltummaa ulfaataa ta’e dhiyeessee jira. Himatamtoonni shaman kun walii wajjiin ta’uun haala wal dhahaa ta’een Doolaara Miliyoona 6 caalaa herreega baankii gamtaa Afrikaa isa inni Baankiii daldalaa Itiyoophiyaa keessaa qabu irraa baasuuf jecha galmee sobaa Baankichaaf eega dhiyeessanii booda qabamuu isaanii himannaan kun ibsee jira

Himatamtoonni bara 1996 kan ba’e seera yakkaa lakkoobsa 30 – 1 – haa fi labsii yakka malaamaltummaa lakkoobsa 881 kan bara 2007 ba’e keeyyata 32 cabsuun walii wajiin ta’uun galmee waldhahaa ta’een doolaara miliyoona 6 caalaa baasuuf galmee sobaa Baankiichaaf akka dhiyeessan agarsiisa. Abuukaatoolee Qasiis Balaay keessaa tokko akkasumas gorsa seeraa kan kennan Obbo Biraanuu Gaashaa mormii himataa kan dhiyeessan ta’u ibsaniiru.

Namoonni Qasiis Balaay waliin himataman arfan himatamtoota haaraa har’a yeroo duraaf mana murtii duratti dhiyaatan ta’u Keeneegii Abaata Finfinnee irraa habaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG