Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Haasawa Ambaasaaddarri Ameerikaa Tibbana Finfinneetti Taasisan Balaaleeffatte


FAAYILII - Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Masiingaa, FInfinnee
FAAYILII - Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Masiingaa, FInfinnee

Itiyoophiyaan Kamisa kaleessaa haasawa ambaasaaddarri Ameerikaa kan mirgi namoomaa haala gaariin akka eegamu gaafatan mormuun ministeerri dhimma alaa haasaa kana ''kan hin gaafatamin'' fi ''gorsa sirrii hin taane'' jedhee jira.

Roobii darbe magaalaa Finfinnee keessatti gamoo seena qabeessa dhiheenya kana haaromfame yeroo daawwatan Ambaasaaddar Ervin Maasiingaa gabaasa ajjeechaa seeraan ala hidhaa seeraan alaa hokkara saalaa fi miidhaa biroo dhaqqaban ilaalchisee “adeemsa haqaa ce’umsaa iftoomina kan qabu” akka ta’u gaafataniiru.

"Warra itti gaafatamummaan isaanii Itiyoophiyaa bulchuu ta'eef, mootummaan as jiruuf, biyyattiin dirree waraanaa caalaa karaa nagaa bu'aa baay'ee argatti," jedhan. Itti dabaluunis, "Namoota mootummaa qeeqan to'annoo jala oolchuu fi rakkisuun dhimmoota furmaata argachuu qaban sana hin furu," jedhan.

Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa haasaawaa Ambaasadarichaa kana Kamisa kaleessaa balaaleffachuun, ''himannaa Mootummaa Itoophiyaa irratti dhiyaate, fi gorsa hin gaafatamne of keessaa qaba'' ittiin jedhee jira.

"Ibsi kun gorsa hubannoo hin qabnee fi dubbii odeeffannoo hin qabne kan of keessaa qabuu, haariiroo seena qabeessaa fi michoomaa Itoophiyaa fi Ameerikaa gidduu jiruu kan faallessudha," jechuun ibsi ministeerichi baaseen beeksiseera. Maasiingaan haasaa isaa keessatti namoota nagaa buqqisuu dabalatee biyyattii keessatti gidiraa dhala namaa geessisuudhaanis ''gareelee hidhatan hunda'' komatan.

Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan "jaarmiya shororkeessummaa" jedhee waamuu fi hidhattoota Faanoo akkasumas kan Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) dabalatee murnoota sabaa fi sablammoota hidhannoo qaban adda addaa irraa dhufan, gaaffii isaanii hokkraan osoo hin taane mariidhaan akka dhiyeessan waamicha dhiyeessaniiru. Haawaasalee afaan 80 ol dubbatan kan qabduu fi biyyi Afrikaa keessatti baay’ina ummataan sadarkaa lammaffaa irratti argamtu Itiyoophiyaan, waggoota dhiyoo asitti gaaffii eenyummaa fi abbumaa lafaatiin walitti bu’iinsoota dacha ta’an irraa dandamattee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG