Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezidaantii Iraan fi Ministara Haajaa Alaa Biyyattii Kaleessaa Balaa Xiyyaaraan Dhumaniif Hooggaoonni Biyyoota Gaddasaanii Ibsaa Jiru


Namoota suuraa pirezdaantii Iraan qabatanii gadda bahan, Tehiran, Iraan, Caamsaa 20, 2024.
Namoota suuraa pirezdaantii Iraan qabatanii gadda bahan, Tehiran, Iraan, Caamsaa 20, 2024.

Hooggantoonni Iraan daangaa Iraanii fi Azaarbajanitti imaluun Pireezidaantii Azeerbaajan Ilhaam Aliyeev waliin wal arguun pirooktii hidhaa bishaanii eebbisisaanii deebi’aa osoo jiranii dilbata kaleessaa Kaaba baha Iraan, Varzaqanitti dhihootti xiyyaarri helikooptaraa isaan irra turan kufuun duuti isaanii wiixata har’aa kan mirkanaa’e. Pireezidaantii biyyattii Ibiraahim Reyisii fi ministirri haajaa alaa Iraan Huseen Amirabdallah warra du’an keessaa yommuu ta’an kanneen Heliikooptaricharra turan hundi du’aniiruus jedhameera. Kufaatii Xiyyaara Helikooptarii kanaaf ammaaf akka sababaatti kan taa’e haala qilleensa badaa kan hurriin guutame ta’uutu ibsame.

hoogganaa olaan biyyattii Ayatollah Ali du’uu Reyisiif gadda itti dhaga’ame erga ibsataniin booda Wiixata har’aa Itti aanaan Pireezidaantii jalqabaa kan turan Mohaammad Mookhber Pireezidaantii biyyattii bakka bu’uun akka hojjetan muudaniiru. Kana malees biyyaattii keessatti gaddi guyyoota Shaniif akka taasifamuus Ayatolaah’n labsaniiru.

Akka Heera Iraan Keeyyata 131 tti yoo pireezidaantiin biyyaatti du’e, manni maree Itti anaa jalqabaa Pireezidantii , Afaan yaa’iiPaarlaamaa fi hoogganaa qaama haqaa ykn mana murtii of keessaa qabau filannoo pireezidaantii haaraaf haala mijeessu jedha. Haala kanaan guyyoota 50 dhufan keessatti filannoon Pireezidaantii haaraa ni taasifama.

Du’a Pireezidaantii Iraan hordofee biyyoonni garaa garaa gadda isaanii ibsachaa kan jiran yommuu ta’u , Paakistan guyyaa gaddaa tokko yommuu labsitu ,Libaanoon immoo guyyoota gaddaa Sadii labsiteetti. Pireezidaantiin Azeerbajaan Ilhaam Aliyeev kasaaraa guddaa Rippaabulika Islaamummaa Iraan biyya obbolaa fi michuu taate akkasumas uummata ishee mudate baay’ee rifaasisaadha jedhan.

Pireezidaantiin Iraan Reyiis nama siyaasaa adda ta’edha kan jedhanimmoo Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin , nama jireenya isaa guutuu biyya isaa tajaajiluuf kan of kenne, akka michuu dhugaa Raashiyaa tokkoottis hariiroo biyyoota ollaa keenya gidduu jiru guddisuuf gummacha dhuunfaa gatii guddaa qabu taasiseeras jedhan.

Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiiping du’a suukkaneessaa jedhanii Uummanni Chaayinaa Michuu gaarii dhabneerra jechuun gadda isaanii karaa dubbi himaa ministira haajaa alaa isaanii kan ibsatan.

Pireezidaantoonni biyyoota Siriiyaa, Masirii Tarkii, Yuunaayitid Arab Emmireetis Venzuweelaa, Akkasumas Ministiroonni muummee Indiyaa, Iraaq, Maleezhiyaa fi Pireezidaantiin Gamtaa Awurooppaa Chaarles Mikaa’eel gadda isaanitti dhaga’ame ibstaniiru.

Balaan kun kan mudate yeroo biyyoota baha gidduu galeessaa keessatti sababa wal waraansa Israa’eelii fi Hamaasiin tasgabbiin dhabamee jirutti yommuu ta’u , hooggansa Raayisiin jalatti ji’a darbe qofaa Iraan halleellaa Diroonii fi Misaa’eelii Israa’eel irratti raawwachuun ishee ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG