Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gondar Kaabaa Keessatti Kan Argamu Buufata Dahoo Baqattootaa Keessatti Lammiin Ertiraa Tokko Hidhattootaan Ajjeesamuun Himame  


Buufata Mayi Ayini fundura daa'imni baqattoota Ertiraa taate oggaa dabartu, Waxabajjii 30,2021.
Buufata Mayi Ayini fundura daa'imni baqattoota Ertiraa taate oggaa dabartu, Waxabajjii 30,2021.

Godina Gondor Kaabaa Aanaa Daabaat keessatti buufa baqqattoota Alamwac jedhamu keessaa baqataan Lammii Eritiriyaa tokko qaamoolee hidhataniin butamee ture gaafa guyyaa sadaffaa reeffi isaa daandiirratti gatamee argame.

Akka jirattoonni buufata baqattoota kana keessaa sagalee Ameerikaatti himanitti Gaafa Kamisaa Caamsaa 8 bara 2016 halkan keessaa sa’aatii Shan irratti qaamooleen hidhatan nama Lemlem Berhiyee jedhamu ukkaamsanii erga fudhataniin booda gaafa sanbata xiiqqaa reeffi isaa bosona keessatti gatamee arganiiru. Namni buufata baqatoota kana keessaa yaada isaanii nuuf kennanii fi nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka dhahamu hin feene tokko himanitti qaamoleen hidhatanii Lemlemiin butan kunneen bilbilanii maallaqa ittiin gadhiisisfnu nu gaafatu jennee osoo eegnuu ajeeffamee reeffa isaa arganne jedhan.

Bakka buufanni baqattootaa kun itti argamu Ganda Cilaatti bulchaa kan ta’an obbo Minaalee Gibneeh dhimma kanarratti gaafatamanii namni jedhame kun ajjeefamuu isaa mirkaneessaanii dhimmicha poolisiin qulqulleessa jira jedhaniiru.

Buufata baqattoota sana keessatti kan argamani namoonni biroon yaada kennaniin gochaan akkanaa irra deeddeebiin raawwata jedhanii kanneen hafanis nageenyi isaanii yaaddoo keessa jiraachuu himaniiru.

Dhimma kanarratti Itiyoophiyaatti Tajaajila dhimma baqqattootaa fi kan baqarraa deebi’aanii irraa, akkasumasa bullchiinsa godina Gondora kaabaarraa deebii argachuuf yaaliin taasifne nuuf hin milkoofne jechuun Finfinneerraa Gebiremikaa’eel Gebiremedihiinitu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG