Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Dararaa fi Buqqa’insi Lammiiwwanii  Akka Dhaabatu Gamtaan Awurooppaa Gaafate


FAAYILII - Guyyaa kabaja Awrooppaa nama alaabaa Gamtaa Awrooppaa qabatee taa'u, Beeljiyem, Caamsaa 4, 2024.
FAAYILII - Guyyaa kabaja Awrooppaa nama alaabaa Gamtaa Awrooppaa qabatee taa'u, Beeljiyem, Caamsaa 4, 2024.

Gamtaan Awrooppaa fi michoonni isaa lammiiwwan Itiyoophiyaa keessaa qe’ee irraa buqqa’aniif kan oolu Yuuroo miliyoona 43.5 gumaachanii jiru. VOAf yaada isaanii kan kennan ambaasaadderri gamtichaa Roolaand Koobiyaa buqqa’uun lammiiwwanii fi dararaan akka dhaabatu gochuuf humnonni walitti bu’iinsa kana keessa jiran rakkoo jiru nagaan akka furan gaafataniiru.

Caamsaa 9 Jimaata darbe kan ifa taasisame deggersi waggaa sadii kun, naannolee Itiyoopiyaa Afur Affaar, Amaaraa Beenishaangul Gumuzii fi Tigraay keessatti hojii irra kan oolu ta’uu Itiyoophiyaati ambaasaadderri gamtaa Awrooppaa Roolaandi Koobiyaa ibsaniiru. Naannoleen arfan sababaaN filatamaniif illee VOAf ibsaniiru.

Adda durummaa dhaan naannolee arfan kana irratti kan fuuleffatameef Tigraayii fi Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti waraana geggeeffameen miidhaa hamaan waan irra ga’eef jecha kan jedhan ambaasaadderichi amma iyyuu wraanni naannoo Amaaraa keessatti waan itti fufee jiruuf miidhaan jiru itti fufuu tuqaniiru.

Sadarkaa biyyaatti namoonni qe’ee ofii irraa buqqa’an miliyoona 4.5 lammiiwwan Itiyoopiyaa deggersi namoomaa kan isaan barbaachisu ta’uu dhaabi godaantotaa kan sadarkaa addunyaa beeksisera. Ambaasaadder Roolaand Koobiyaa naannolee kan akka Oromiyaa, Somaalee fi naannolee gama kibbaa keessa buqqaatota jiran fayyadamoo kan taasisu deggersi illee jiraachuu dubbataniiru jedha gabaasi Kenedii Abaate.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG