Wixata kaleessaa aanaa Raayyaa fi Azeeboo keessatti namoottan Torba Ajeefamuu isaanii Biiroon kominikashiinii bulchiinsa naannoo Tigraay galgala kana beeksisee jira. Akka biirochii ibsetti namoottan loon tiksaa turankun kan ajjeefaman hidhatoota naannoo Affaar irraa garaa naannoo Tigraayitti ce’aniini.
Eenyummaa namoottan Ajjeefamanii kan ifa kan hin taasifnee bulchiinsii naannoo Tigraay, bulchiisnii naannoo Affaarii fi mootummaan feederaalaa warren haleella kana raawwatan irraatti tarkaanfii seeraa akka fudhatu waamicha dhihesee jira. dhimmcha irraatti qaama biraa irraa odeeffannon dabalataa kan hin argamne yemmuu ta’u, sagaleen Amerikaa dhimmichaa hordoofuudhaan baldhinaan dhiheesuuf yaalii taasisa jira.
Forum