Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarkii Biyyaalessaa Maagoo Keessatti Namoonni Afur Hidhatootaan Ajjeefamaniiru


Paarkii Biyyaalessaa Maagoo
Paarkii Biyyaalessaa Maagoo

Bulchiinsa naannoo kibba Ityoophiyaa godina Arii, Paarkii biyyaalesaa Maagoo keessatti dhalataa biyyaa Ispeen tokko dabalatee namoottan Afur wixata dheengadaa Caamsaa 20 bara 2024 hidhattootaan ajjeefamuu isaanii waajjirri nageenyaa godinichaa beeksisee jira. Itti gaafatamaan waajjira nageenyaa godina Aarii obbo Maatadoor Berbii ajjechaa kan ilaalchisanii ibsa kennaniin namoottan ajjeefaman keessa tokko kan ta’e, dhalataan biyyaa Ispeen nammi Toonii Ispaadaas jedhamuu ogeessa Kameeraa fi waggoota 11 darbaniif Itiyoophiyaa keessatti dhaabbata daawwachisaa hundeeffatee akka hojjachaa ture beeksisaniiru.

Walitibu’insichii kan umamae konkola’achiisaan paarikichaa hidhatootaa garee saba Mursiirraa ta’aniin ajjeefamuu isaatiin kan ka’ee ta’u isaas Obbo Maataadoo Berbii ibsaniiru. Namoottan ajeechaa kana raawwataniis too’annoo jala ooluu isaanii itti gaafatamaan kun dabalanii ibsaniiru. Itti gaafatamaan paarkii biyyalessaa Maagoo Obbo Adeeboo Meselee ibsa sagalee Amerikatiif kennaniin, gochiichii kan raawwatee yemuu namoottan biyyaa alaa 10 dhaabata dhuunfaa Riift Vaalii Expeendishiin jedhamuu irraa waraabbii fiilmitiif gara paarkichaa dhaqan ta’uu isaa himanii bakka hidhatoonni kun haleelicha raawwatan gara Kaaba paarkichaa keessa nageenyii amansiisaa ta’e akka hin jirre eeraniiru.

Lammileen biyya alaa balaa irraa baraaraman 10 nagaadhaan gara magaala Jiinkaatti geesamuu isaanii kan ibsan itti gaafatmaan Paariikii biyyaalesaa Maagoo, reenfii lammii Ispeen xiyyaaraan gara Finfinneetti ergamuu isaa ibsaniiru. Ministeerri Tuuriziimii Ityoophiyaa dhiima kana irratti ibsa kenneen haleelaan raawwatamee Tuuristoota irratti haa ta’uu jedhee kan xiyyeeffatee akka hin taane beeksisee, namoottan lubuun isaanii darbeef gadda itti dhagaahamee ibsuu isaa Yoonaatan Zebdiyoos Hawaasaa irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG