Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Magaala Laalibalaatti Wal-waraansi Geggeessamee Akka Ture Jiraattonni Himan


Magaala Laalibalaa, Naannoo Amaaraa, Guraandhala 2, 2019.
Magaala Laalibalaa, Naannoo Amaaraa, Guraandhala 2, 2019.

Naannoo bulchiinsa Amaaraa godina Walloo kaabaa handaara magaalaa Laaliballaatti guyyaa kaleessaa Caamsaa 21 barra 2024 umnoottan mootumaa fi garee hidhatootaa Faannoo gidduutti lolli taasimauu isaa jiraattonni sagalee Amerikaatti himanii jiru. Dhukaasini gareewwana lamman gidduutti taasifamaa turee garaa Sa’aatii Saddeeti ol akka fudhate kan ibsan jiiraattonni maqaan isaanii akka hindhahamnee gaafatan dhukaasa gamasii fi gamanaa taasifamaa tureen haambaaleen seenaa bakka amantaa Laalibalaa miidhamuu danda’u jechuudhaan yaaddoo isaanii ibsaniiru.

Lola kaleessa kanaan bakkaawwan Amanttaa Lalibalaa keessatti argaman irratti midhaan qaqqabee akka hin jirre kan ibsan jiraattonni naanichaa, Laalibalaadhaa ala bakkeewwan amantaa jiran Qeqenit Mikaa’el, Nakutoole’aabi fi Asheeten Maariyaam jedhaman irratti balaan qaqqabuuf dhiisuu isaa irratti akka odeeffannoo hin qabne dubbataniiru. Dhukaasa kanaan walqabatee midhaan hammbaalee seenaa irratti qaqqabee yoo jiraate kan sagaleen Amerikaa gaafate itti gaafatamaan dhimma Tuurizimii godina Walloo kaabaa Obbo Tsahaaynewu Siisaay miidhaan qaqqabuu isaa addaan baafachuuf akka qorannoon taasifamuu fi uummatatti himamu ibsaniiru.

Dubbii himaan biiroo tuurizimii bulchiinsa naannoo Amaara obbo Abebee Imbiibel lola turee kanaan miidhaan qaqqabuu isaa akka odeeffannoo hin qabne himanii, lollii naanicha keessatti adeemaa jiru sochii tuurizimii irratti miidhaa geesisuu isaa ibsaniiru. Lola kaleessa taasifame kanaan walqabatee lubuu naamootaa fi qabeenya irratti miidhaan qaqqabee akka hin beekamnee kan ibse gabaasinni Masfin Arraagee balaliin xiyyaaraa gara magaala Laalibelaatti taasifamuu Kaleesaa jalqabee addaan cituu isaa jiraattonni himuu isaanii eereera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG