Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kutaa Daarfur Keessatti Mallattoon Balaa Duguuginsa Sanyii Mull’achaa Akka Jiru Dubbatame


FAAYILII - Miseensi MSF mooraa baqattootaa Metchee keessatti ijoollee hanqina nyaataatin miidhaman oggaa yaalu, Chaad, Caamsaa 4, 2024.
FAAYILII - Miseensi MSF mooraa baqattootaa Metchee keessatti ijoollee hanqina nyaataatin miidhaman oggaa yaalu, Chaad, Caamsaa 4, 2024.

Dhaabbata mootumoota gamtoomaniitti, dhimmaa ittisa duguuggaa sanii irraati gorsituu barreessaa muummee dhaabatichaa kan ta’an Aliis Nderituu, guyyaa yaadannoo murtoo waa’ee eegumsa siviilotaa bakka walwaraansaa jiranuu waggaa 25ffaa fi yaadannoo wagga 75ffaa konveenshiinii Jeneevaa ilaalchisuudhaan walgahii mana maree nageenyaa irratti haasaa taasisanini dhimma kana kan ibsan.

Alisi Nderituun haasaa isaanii kana keessatti, namoonni nagaa eegumsa argachuu qaban irraa fagaataniiru jechuudhaan Darfur fi El Fasher keessatti sababa halluu bifa isaaniitiin, sababa saba isaaniitiin, sababa eenyummaa isaaniitiin namoonni nagaan ajjeefamaa jiraachuu isaanii dubbataniiru.

Magaala guddaan kutaa bulchiinsa Daarfuur Kaabaa El Fasheer, yeroo amma gareen waraana biyyaaleessaa Sudaanii fi gareen waraana dafee qaqqabaa walwaraansaa cimmaa bakka itti taasisaa jiran ta’uu isaa kan ibsan haangaatuun dhaabata mootumoota gamtoomanii, gandaawwan naannoo magaalichaa jiran keessaa namoottan hedduun qe’ee isaanii irraa buqqa’anii soda cimaa keessa seenanii akka jiranu himaniiru.

Gandaawwan naanoo magaala El Fasheer jiran keessatti dubartootaa dirqiidhaan gudeeduun, gandootaa gubuunii fi saamichi, jaarmiyaalee fayyaa boombiidhaan barbadeesuun, akkasumas, hanqinii bishaan dhugaatii fi ibsaa namoottan nagaa gidiraa keessa seensisuu isaa gorsituun barreessaa muummee dhaabbata mootumoota gamtoomanii ibsuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG