Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyi Ayerlaand, Noorwayii fi Ispeen Mootummaa Falasxiiniif Beekamtii Kennuusaanii Beeksisan


FAAYILII - Yeroo hiriirtoonni Falasxiinota deeggaruun bahanitti mucaa alaabaa Faalisxiin qabatee jiru, Baarseloonaa, Ispeen keessatti, Jan. 20, 2024.
FAAYILII - Yeroo hiriirtoonni Falasxiinota deeggaruun bahanitti mucaa alaabaa Faalisxiin qabatee jiru, Baarseloonaa, Ispeen keessatti, Jan. 20, 2024.

Walwaraansa Israa’eliif hamaas gidduutti taasifamaa jiruuf fala waara qabeesa ta’e laachuudhaaf wanneen barbaachisaa ta’an keessa tokko fala biyyoottan lamaa akka ta’e ibsii biyyoottan sadan Roobii har’aa mata mataa isaaniitin baasan hubachiisee jira.

“Waraanni , waldhabdee Israa'el fi Palastaayiin yeroo dheeraaf turef fala kennuudhaaf isa faayidaa gadi anaa qabuudhaa” kan jedhan ministeerri dhimma alaa biyya Noorwaay Joonaas Gaahiir Stoor, adduunyaa guutuun falli mootummaa lama qabaachuu rakkina walakeesaa bahaa kan hiikuu danda’u taa’uu isaa irratti walii gala jedhanii sagalee dhiheenya kan dhaabata mootumoota gamtoomanii irratti dhimma kan ilaalchisee kenname waabeffataniiru.

“Nagana, haqinii fi waliin jiraachuun waan yeroo ammaa nu barbaachisuudha” kan jedhan muummichii miniteeraa biyya Ispeen Peediroo Saancheez, “yeroon jechaa irraa gara gochaatti tarkaanfatamu gaheeraa” jechuun isaanii gabaasameera.

Muummichi ministeeraa Ayerlaand, Siimoon Haaris, Ayerlaand Israa’elii fi mirga ollaa ishee waliin nagaadhaan jiraachuu shakkii tokko malee akka kabajdu dubbataniiru. Haaris namoota yeroo ammaa garee Hamaasn qabamanii jiran hundi akka gadhiifaman gaafataniiru. Ibsii biyyoottan sadanii kun, Mootummaa Palastaayiniif beekumtii kennan Caamsaa 28 bara 2024 jalqabee akka hojii irraa oolu beeksisee jira.

Ibsa biyyoottan Sadanii kana hordoofuudhaan ministeerri dhimma alaa Israa’eel, Israa’eel Kaatiiz ambaasaaderoota biyyaa isaanii Ayerlaandii fi Noorwaayiin jiran Roonii har’aa deebisanii waamaniiru. Kaatiiz dhimma kana irratti yaada kennaniin mootummaa Palastaayiniif beekumtii kennuun Hamaasii fi Iraanii badhaasuudha jedhanii, haqa namoottan haleelaa gareen Hamaas Onkoloolessa 7 raawateen midhaman haaluu akka ta’e ibsaniiru. Kaatiiz haala abbaa biyyummaa fi nageenyaa Israa’el tuffate kamiinuu calistee hin ilaaltu jechuun isaaniis beekameera.

Haaluma walqabateen, lola yeroo ammaa Raafaa keessatti taasifamaa jiruun kan ka’e, dhaabbanni mootumoota gamtoomanii raabsa gargaarsa namoomaa taasisuuf waan hin dandeenyeef tajaajila addaan kutuu isaa dubbii himaan dhaabbatichaa Steefan Dujaariik qibxata kaleessaa beeksisaniiru. Dhaabbata mootumoota gamtoomaniitti daarekteerrii jaarmiyaa fayyaa adduunyaa Dr. Tewodiroos Adihaanoom fuulaa saba himaalee isaanii X irrtti ibsa kennaniin, hospiitaalli Kaaba Gaazaa keessa jiru fi Awda jedhamee beekamu Caamsaa 19 bara 2024 kaasee marsamee qabamuu isaa ibsaniiru.

Akka ibsii Dr. Tewodiroos kun jedhetti dhukubsattoonni 22 fi firoottan isaanii akkasumas, hojjattoonni hospitaalichaa 148 kiyyoo keessatti qabamanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG