Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Yuunaayitid Isteetis Waliin Karaa Toora Isaa Eeggateen Dubbachuuf Qophiidha Jette


FAAYILII - Dubbii Himnaa Ministira Haajaa Alaa Itiyoophiyaa, Nabiyyuu Tadilaa, Ebla 18, 2024
FAAYILII - Dubbii Himnaa Ministira Haajaa Alaa Itiyoophiyaa, Nabiyyuu Tadilaa, Ebla 18, 2024

Dubbii himnaan ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa Nabiyyuu Tadilaa har’a Ibsa sabaa himaaleef kennaniin haasaa Imaammataa jechuun Ambaasaddarri Ameerikaa kan Itiyoophiyaa keessaa Ervin Masiingaa torbaan darbe ergaa ijaaraa hin taanee fi hojimaata Idil Addunyaa kan hin eegganne jedhaniiru. Dhimma Imaammataa irratti gama Ameerikaarraa kennamu yoo jiraati mariitu taasifama malee Addabbaabayiirratti haasaawwan hin qoratamne taasifaman dubbii nama dhuunfaati jedhaanii akka biyya wal qixa taaneetti kabaja karaa qabuun waliin dubbachuu wayya ejjennoo jedhu qabnas jedhan. Haasichi hariiroo seenaa qabeessaa fi jabaa ta’e kan biyyoota lamaanii hin madaalus jedhaniiru.

Ambaasaddarri Yuunaayitid Isteetisi kan Itiyoophiyaa Erviin Masiingaa haasaa Imaammata Ameerikaa jedhanii torban darbe dhageessisan keessatti Mootummaan Itiyoophiyaa fi qaamooleen hidhannoon waraanarra jiran gara dubbii nagaatti dhufuun akka nageenny bu’u waamicha kan taasisan yommuu ta’u mootummaan Itiyoophiyaa karaa ministira haajaa alaa haasaa Ambaasaddarichaa mormuun isaa ni yaadatama.

Dhaaboliin siyaasaa mormitootaa garaa garaa kan Itiyoophiyaa keessaammoo Mootummaan Itiyoophiyaa haasaa Amabaasadarichaa mormuun sirrii miti jechuun ibsa baasaa jiru. Kokeesiin dhaabbilee siyaasa mormitootaa kan dhaabooliin siyaasaa 9 bakka tokkotti dhaabbataniiran ibsa baaseen mootummaan Ameerikaa jechoota dippiloomaasiin irra diddibuu irraa kan maqeen Alana ifatti akkasitti dubbachuu jalqabuun isaa jalqabbii gaariidha jedhaniiru.

Dhaaba siyaasaa Mormituu Hibir Itiyoophiyaatti dura taa’aa kan ta’an Obbo Girmaa Beqqelee Mootummaan waamichicha fudhachuu akka qabau dhaamanii qaamooleen hidhannoon mootummaa falmaa jiranis yeroof dhukaasa dhaabuun furmaata waaraa fiduuf mariin hunda galeessa ta’e taasifamu qaba jedhen. Walitti qabduu mana maree dhaabbolii siyaasaa Doktar Raaheel Bafee mootummaan Ameerikaa karaa Ambaasaddara isaa ergaan dabarse fudhatama kan qabu jedhaniiru. Dubbii himaan ministira haajaa Alaa Itiyoophiyaa Nabiyyuu Tadilaammoo mootummaan karaa toora isaa hordofeen mootummaa Yuunaayitid

Isteetisi kan kaasu irratti marii’achuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG