Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Biyyoota “NATO” Ala Jiran Keessaa Afiriikaa Uffee Sahaaraa Gadiirraa Biyya Jalqabaa Michuu Yuunaayitid Isteetisi Taate


Sirna simannaa pirezdaantii Keeniyaaf godhame, Waashingitan Diisii, Caamsa 23, 2024.
Sirna simannaa pirezdaantii Keeniyaaf godhame, Waashingitan Diisii, Caamsa 23, 2024.

Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Joo Baayiden Roobii kaleessaa galgala daawwannaa mootummaaf kan Waashingitan dhufan pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoof simannaa taasisanitti Keeniyaan biyyoota miseensa NATO’n ala jiran keessaa biyya jalqabaa michuu Yuunaayitid Isteetisi taate jedhan. Tarkaanfiin tarsiimoo guddaan kun yeroo loltoonni Yuunaayitid Isteetsi Niijeeriin gadhiisuuf qophaa’aa jiranittii fi bakka isaaniimmoo loltoonni Raashiyaa bakka bu’uu yommuu jalqabanitti , tumsi nageenyaa Yuunaayitid Isteetisi gara biyyoota Afiriikaa bahaatti cee’uu agarsiisas jedhameera. Biyyoonni lamaanuu shororkeessaa Alshabaabiin waraanuurratti waliin hojjechaa kan jiranii fi Keeniyaan garee quunnamtii Ittisa Yuukireenii fi garee hojii galaana Idil addunyaa bulchiinsi Baayideen baatii Muddee keessa halleellaa dooniiwwan galaana diimaarratti gareen Huutii fudhatan irratti tarkaanfii fudhate irrattis hirmaatteetti.

Akka walii galtee amma taasifamaa jiruuttis Keeniyaan biyya miseensa NATO tiin ala taatee faayidaa waraanaa fi maallaqaa miseensonni biyyoota NATO argatan argattu taatis jedhameera. Hoogganaan Olaanaan tokko Roobii kaleessaa galgala Oduu gabaastotatti akka himanitti walii galticha Baayideen gara Kongireesii geessanii erga mallatteessaniin booda guyyoota 30 keessatti hojiirra oolas jedhaniiru. Itti dabaluunis qondaalli kun akka jedhanitti Keeniyaan durumaanuu michuu keenya kan turtee fi ammas michuu keenya addunyaa ta’uu ishee ol kaasuu fi dhugaatti beekamtii kennuufi kan kaayyeffatedha jedhaniiru.

Tibba kana Ruutoo fi Baayideen marii taasisan keessatti Keeniyaan loltoota 1000 gara biyya jeequmsa keessa jirtu Heeyitiitti ergitu irratti fi isa Yuunaayitid Isteetsi deeggarsa kanaaf doolaara miiliyona 300 kenniti jedhamee garuu Keeniyaa keessatti qormaanni siyaasaa fi seeraa isa eeggatu irratti. Ergamni kun kan harkifate ta’us ji’a Bitootessaa keessa hoogganaan Heyitii Ari’eel Henirii Keeniyaa daawwatanii kan turan gareen hidhattootaa Heyiitii jeequmsa hammeessuu isaanii hordofee ji’a Eebilaa keessa aangoo kan gadhiisan.

Ruutoon waa’ee ergama kanaarratti marii’achuuf ministira Ittisaa Yuunaayitid Isteetisi Looyid OOstiin fi Ministira haajaa alaa Antanii Bilinkan waliinis ni marii’atu jedhameera.

Keeniyaan erga bara 2008 irraa kaastee biyya Afiriikaa ishee jalqabaa Yuunaayitid Isteetisitti daawannaa mootummaaf affeeramtu. Bayideenii fi Ruutoon Kamisa har’aa Waayit Haawusiitti Affeerraa Irbaataa kan qabaatanii fi Ibsas waliin kennu jedhamee eegama. Jimaata booriis Ruutoon sagantaa mana maree daldalaa Yuunaayitid Isteetisi kan argamanii fi Itti Aantuu Pirezidaantii Yuunaayitid Isteetsi waliin wal arguufis jiru jedhameera. Hariiroon dippiloomaasii Keeniyaa fi yuunaayitid Isteetisi waggaa 60ffaa isaanii kan kabajatan yommuu ta’u hooggantoonni Waayit Haawus akka beeksisanitti ajandaan dureewwan biyyoota lamaaanii dhimmoota Investimentii fi daldalaas dabalata jedhaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG