Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humni Waraanaa Koongoo Fonqolcha Mootummaa Fashale Keessatti Lammii Ameerikaa Sadaffaa Hirmaate Jedhu Maqaa Beeksise


West Jordan, lammii Ameerikaanota fonqolcha mootummaa Koongoo keessatti fashalaa’e keessatti hirmaate jedhame keessaa tokko (Miranda Thompson karaa AP)
West Jordan, lammii Ameerikaanota fonqolcha mootummaa Koongoo keessatti fashalaa’e keessatti hirmaate jedhame keessaa tokko (Miranda Thompson karaa AP)

Dubbii himaan humna waraanaa Koongoo Birgaader Jeneraal Siilveyiin Ikeengee Kibxata darbe Assooshiyeetid Pireessiitti akka himanitti Kishaasaa keessatti Fonqolcha mootummaa fashalaa’e keessaa namoonni Ameerikaa sadii harka qabaachuu ibsuun nama sadaffaa maqaa ifa godheen nama maqaan isaa Teeyilar Tomsan jedhamu akka ta’e fi yeroo sanatti garuu ajjeefamuu isaa fi to’annoo jala ooluu isaaf waan adda baasan hin jiru. Yeroo humni waraanaa Koongoo maqaa nama lammii Ameerikaa sadaffaa jedhe ifoomseetti namoonni kaanimmoo gadda Maarseel Malaangaaf Yuutaatti wal ga’aniiru.

Namni maqaa Malanga jedhamu kan lammummaa Ameeriikaa qabu masaraa mootummaa keessatti harka kennuu waan dideef rukkutamee ajjeefameera kan jedhan Ikeengeen gama ministira haajaa alaanimmoo Marcel Malangaan lammii Ameerikaa ta’uu isaa waanti mirkaneesse hin jiru. Lammiilee Ameerikaa kan ta’an namoonni lamaan fonqolchicha fashala’e keessaa harka qaban tokko nama maqaan Marijaawaana TIrafiker, Beenjaamin Ruubeen zalman Poluunii fi namni biraanimmoo ilma Malangaa kan ganna 21 ti jedheera humni waraanaa Koongoo.

Angawoonni ammallee akkamitti Maarseel Malangaan Kubbaa miillaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Yuutaatti taphachuurraa gara hoogganaa biyyoota Afiriikaa gurguddoo keessa tokko kan ta’e teessoo irraa buusuuf yaale kan jedhutti hiika kennuuf yaalaa jiru.

Haati isaa Biritinii Sawyeer ergaa Imeeliin Wiixata darbe Assooshiyeeti pireesiif ergiteen Ilmikoo qulqulluudha jettee bal’inaan ibsuurraa of qusatteetti.

Viidiyoo dhuma torbaan darbee fuula miidiyaa hawaasaarra facaasamaa turerratti Marseel Malaangaan nama bifaan adii eenyummaan isaa ifa hin taane, lamaan isaaniiyyuu biyyeendhaan kan haguugaman fi loltoota Koongootiin marfamanii agarsiifameera. Maarseel harka isaa ol kaasee fuula isaarras sodaa guddaa mul’ata ture. Harmeen isaa barreeffama bifa aarii qabuun fuula miidiyaa hawwaasaa Facebook irratti maxxansiteenis ilmikoo daandii abbaa isaa hordofe jetteetti.

Gama angawoota Koongootiin kanneen fonqolchicha raawwachuuf dhufan kun akkamitti akka seenan hanga ammaatti waan ibsan hin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG