Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti-bu’insa Dheessuun Namoonni Koremii fi Ofilaarraa Bu’qqa’an Gargaarsa Akka Argachaa Hin Jirre Dubbatan


Walitti-bu’insa Dheessuun Namoonni Koremii fi Ofilaarraa Bu’qqa’an Gargaarsa Akka Argachaa Hin Jirre Dubbatan
Walitti-bu’insa Dheessuun Namoonni Koremii fi Ofilaarraa Bu’qqa’an Gargaarsa Akka Argachaa Hin Jirre Dubbatan

Hidhatoonni naannoo Tigraay irraa ka’an naannoo sana seenuu isaanii hordoofuudhaan namoottan aanaalee Koremii fi Ofilaa irraa buqa’anii godina walloo kaabaa fi godina sab-lammii Waag Himiraa keessa qubatanii fi kuma 35 ta’n gargaarsaa nyaataa ittu hin argati ji’a tokkoo ol turuu isaanii ibsaniiru.

Jiraattonni baqatanii godina waag Himiraa magaala Soqoxaa fi Hamuusiit akkasumas, godina Walloo kaabaa magaala Qobboo fi Waldiyaa keessa qubatan, hanqinaa nyaataatiin alatis bakka keessa boqotan gahaa ta’e akka hin argannee ibsanii, qabeenyii isaan dhisanii baqataniis akka saamamaa jiru sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Buqaatonni kun magaalota kanaan alattis gara godinaa walloo kibbaa magaalota Dassee fi Kombilchaa keessa qubachuu isaanii kan ibse bulchiinsii magaala Korem, mootummaa naannoo Amaaraa fi mootummaan Feederaala akka xiyyeeffannaa gahaa itti hin keninee ibsuudhaan komii isaa dhiheessee jira.

Gargaarsa namoomaa argachuudhaaf yaaliin adda addaa taasifamus deebii gahaa argachuun akka hin danda’amne kan ibsan Kantiibaan magaala Korem obbo Birhaanuu Hayiluu,gargaarsi qaqqabuu baanaan rakkinii namoomaa cimaan uumamuu akka danda’u hubachiisuun isaanii beekameera.

Rakkinichii sadarkaa gargaarsa godiinaatiin furmaata argachuu akka hin dandeenyee sagalee Amerikaatti kan himan godina walloo kaabaatti itti gaafatamaan ittisa balaa fi wabii nyaata obbo Alemuu Yimer deebii mootummaa eeggachaa akka jiran himuu isaanii kan ibsee gabaasini Masfin Arraagee, dhimma kana irratti mootummaa naannoo Amaaraa fi mootummaa feederaalaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasifame har’aaf akka hin milkoofne beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG