Xurree ittiin seenan

Breaking News

Adduunyaarratti Nageenya Mirkaneesuuf Hirmaannaan Afrikaa Dhimma Ijoodha, Jedhan Hoogganaan Dhaabbata Mootummota Gamtomanii  


Hoogganaan Dhaabbata Mootummota Gamtomanii Antooniyoo Guteres
Hoogganaan Dhaabbata Mootummota Gamtomanii Antooniyoo Guteres

Aduunyaa irratti nageenya mirkaneesuudhaaf ardiin Afrikaa baldhinaan akka hirmaachuu qabu barreessan muummee dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guterees waamicha taasisanii jiru.

Antoniyoo Guterres walgahii mana maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii irratti yaada kennaniin, yeroon humna nagaa Afrikaatti fayyadamuu amma jedhanii, hoggansa nageenya Afrikaa cimsuun ardii afrikaa irrattis, waltajjii addunyaa irrattis nagaa busuudhaaf murteessaadha jedahniiru.

“ jalqabaa Afrikaa mataa isaa keessatti nagan akka mirkanaa’u barbaanna ‘’ kan jedhan Guterees, karooraa kana fixaan baasuudhaaf haala gargaaru irratti waliin hojachuun barbaachisaa akka ta’e eeranii waliin hojjanaan akkanaa ajandaa nageenyaa haaraadhaaf handhuura akka ta’e ibsaniiru.

Dhimma ajaandaa nageenyaa haara kana kan ibsan Guteers , Ajandaan kun, qabxii misooma irratti inveesti gochuu, caasaa bulchiinsa cimaa fi sirna haqaa namoonni amanachuu danda’an ijaaruu akkasumas, nagaa itti fufiinsa qabu uumuu gidduu jiru walitti kan hidhu akka ta’e beeksisaniiru.

Sadarkaa adduunyaa irratti sagalee Afrikaan jabeesuun kandanda’amu yoo hogansii Afrikaa caasaa hoggansa aduunyaa keessatti walqixa hirmaachuu danda’eedha kan jedhan barreesaan muummee dhaabbata mootumoota, kuniis hirmaannaa dhaabbataa ta’e Afrikaan mana maree nageenyaa dhaaabbata mootumootaa keesaa qabaachuu qabduu gudisuu kan dabalatu ta’uu qaba jedhaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG