Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Liqaa Furuu Hanga Dhimma Nageenya Hayitiirratti Keeniyaa Waliin Akka Dhaabbatu Prezidaant Joo Baayiden Dubbatan


Biden US Kenya
Biden US Kenya

Prezidaant Joo Baayiden, prezidaantii Keeniyaa Yunaayitid Isteetsin daawwatan Wiliyaam Ruutoo waliin ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, dhimmoota liqaa hir’isuu irraa kaasee, hanga jeequmsa biyya Heeyitii keessatti uumameetti Ameerikaan Keeniyaa akka deeggartu beeksisanii jiru.

Keniyaan jeequmsaa Hayitii keessatti umame tasgabeesuudhaaf umna Poolisii ishee garasitti erguudhaaf kan murteeste yemmuu ta’u, keeniyaan ofii isheetii rakkina Heeyitii keessa jiru too’achuu ni dandeesii? jedhamee gaafii ka’eef deebii kan kennaa Joo baayiden , dhimmichii waa’ee loltootaa kuman lakaawamanuu ittuu hin ta’in, waa’ee hirmaanna umnoottan adduunyaa maraati jedhanii, dhimmaa Heeyitii irratti adda dureedhaan gargaarsa odeeffannoo fi meeshaa waraanaa taasisuu irratti Yunaayitid Isteets akka hirmaaatu ibsaniiru.

Daawwanna prezidaantii Keeniyaa guyyootan sadiif ture kan keessatii dhimmoottan ijoo mariin irratti taasifamee keessa inni tokko waa’ee liqii biyya keeniiyaa fi biyyoottan biraa dadhabsiisaa jiruu akka ta’e beekameera.

Yemmuu ba’aan liqii yaadamu qaamaa gargaaruu danda’u kamiinuu bira dhaquun waan hubaytamuudha kan jedhan Joo Baayiden yunaayitid Isteetsbiyya Chaayinaa caalaa michuu keeniyaa fi biyyoottan biroo ta’uu akka dandeessu eeraniiru.

Biyyoottan biroo fi jaarmiyaaleen adduunyaa akka gargaarsaa taasisan kan gaafatan Prezidaant Bayiiden, Yunaayitid isteets qoodaa ishee gumaachuudhaaf gammachuu akka qabdu ibsaniiru.

Biyyoottan Liqii keennaa jira daanqaawwan biyyoottan liqiin irra jiru irra kaa’aman akka hirdisan Prezidaant Baayideenii fi Prezidaant Ruutoon waloodhaan waamicha dhihesuun isaaniis gabaasameera.

Sirna daawwannaa kana hordofuudhaan, Waayit Haawus biyyoota hiyyeeyyii rakkoon muudate gargaaruuf Waldaa Misooma Idil-addunyaa isa qaama Baankii Addunyaa ta’eef deeggarsi doolaara miiliyoona 250 taasifamuu isaa labse jira.

Ibsa miidiyaa hoggantoota biyyoottan lammanii kana irratti, murtoo mana murtii yakka Aduunyaa hoggantootaa mootummaa Israa’elii fi Hamas irratti dabarsee ilaalchisee gaafii ka’eef, deebii kan kennan prezidaantiin Yunaayitid Isteets "waan Israa'el hojjatte fi waan Hamaas hojjete walqixeetti wantii numadaalchisu hin jiru” jedhanii Yunaayitid Isteets murtoo Mana murtii yakka adunyaa kanaaf akka beekumtii hin kennine dubachuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG