Masiriin Ibsa Wiixata har’aa baasteen Israa’eel halleellaa qilleensarraan baqqattoota Raafaah keessa jiranirratti fudhatte ta’e jettee kan goote jechuun balaaleffatte. Akka Ejeensiin ittisa Siivilii Gaazaa beeksisettimmoo halleellaa raawwwatameen kanaan yoo xiqqaate namoonni 40 ajjeefamaniiru.
Ministirri Haajaa alaa Masirii ibsa har’a baase keessatti Israa’eel ajaja manni murtii Idil addunyaa hatattamaan akka dhaabbatu dhaabdu dabarse Raafaah keessatti hojii irra oolchuu qabdi jechuun waamicha dhiyyeesseera. Itti dabaluunis halleellaa haaraan raawwatame kun tumaalee seera namoomaa idil addunyaa ifatti kan cabse jechuun balaalleffateera.
Masiiriin alattis Joordaan haleellaa Israa’eel haaraa Raafaah irratti fudhatte balaaleeffattee , Israa’eel Yakka waraanaa raawwachuu itti fuftee jirti jechuun himatteetti. Joordaan Ibsa ishee keessatti halleellaan Raafaah keessatti Israa’eeliin raawwatame murtii mana murtii idil addunyaa kan cabsee akkasumas seera idil addunyaa fi sera namoomaa idil addunyaa cabsuu cimaa ta’a jetteetti.
Pireezidaantiin Paaleestiinii fi Hamaas Israa’eel gidduu gala baqattootaa Raafaah kan gaazaa gara Kibbaatti argamurratti irratti xiyyeeffachuun ajjeechaa jumulaa raawwatteetti jechuun himataniiru.
Humni waraanaa Israa’eelimmoo Magaalicha keessati moora argamu keessatti halleellaa xiyyaaraan fudhadheen hooggantoota Hamaas lama ajjeesuu himee gochichaan namoonni nagaa miidhamuu fi dhiisuu isaaniirratti qorannaa taasisaa akka jiru ibseera.
Forum