Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Federaalaa Gaaffii Mirga Wabii Luba Balaay Fudhatama Dhabsiise


Manni Murtii Federaalaa Gaaffii Mirga Wabii Luba Balaay Fudhatama Dhabsiise
Manni Murtii Federaalaa Gaaffii Mirga Wabii Luba Balaay Fudhatama Dhabsiise

Namoota dhuunfaa Shan ragaa sobaa fayyadamauun baankii daldalaa Itiyoophiyaa damee gamtaa Afiriikaa keessaa maallaqa doolaara miiliyoona ja’a baasuuf yaalaniiru jedhamanii shakkamanii abbaa alaangaan himannaan irratti banameeru keessaa himatamtoonni shakkaamtootaa lama Luba Balaay Mokonniinii fi Obbo Iyyaasuu Indaalee torbaan darbe karaa Abukaatoowwan isaanii gaaffii mirga wabii dhiyyeessan irratti manni murtii beeellama har’atti qabatee kan ture yommuu ta’u gaafficha kufaa taasiseera.

Abukaatoowwan himatamtoota shakkamtootaa fi Abbaan alangaa wiixata darbe gaafa Caamsaa 12 bara 2016 gaaffii mirga wabii iratti falmii kan taasisan yommuu ta’u, Abukaatoowwan himatamtootaa himannaan maamiloota keenyaarrti dhiyyaatee fi labsiin malaamaltumma keeyyanni 32 muraa tokkotti kan malaammaltummaa cimaa jedhe hooggantoota mootummaa ykn hojjeeta dhaabbata uummataa ilaallata malee namoota dhuunfaa hin ilaallatu jechuun kan falaman. Abbaan Alaangammoo gama isaan Namni dhuunfaan kamiyyuu yakka waliin dhahuu cimaa raawwatee yoo argame himannichi irratti banama jechuun kan falme. Dhaddachi mana murtichaas himannaa bitaa fi mirgaa erga dhaggeeffateen murtoof beellama guyyaa har’aatti dabarseen falmii abbaa alangaa fudhachuun gaaffii mirga wabii himatamtootaa kufaa taasiseera.

Abbaan Alangaa mormii himannaa barreeffamaan abukaatoowwan himatamaa 1ffaa fi 2ffaa dhiyyeeffatan irratti har’a deebii barreeffamaan mana murtichaaf galcheera. Himatamaa 3ffaas karaa Abukaatooo isaanii mormii himannaa mana murtiif dhiyyeessaniiru. Dhaddachis mormii himataa himatamtoota sadanii irrattii fi deebii Abbaa alangaa irratti murtoo dabarsuuf beellama gaafa Caamsaa 29 tti kenneera.

Himatamtoonni 4ffaa fi 5ffaa har’as dhaddachicharratti kan dhiyaanne yommuu ta’u Poolisiin barbaadee akka dhiyyeessu, yoo hin argannemmee aanaa keessa jiraatanirraa barreeffaamaan waan qulqulleessu akka dhiyyeessu ajaja kenneera jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG