Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Tigraay Naannolee Allamaaxaa Qabatan Ni Gadhiisu Jedhu Prezidaantiin Yeroo Kan Naannoo Tigraay


Humnoonni Tigraay Naannolee Allamaaxaa Qabatan Ni Gadhiisu Jedhu Prezidaantiin Yeroo Kan Naannoo Tigraay
Humnoonni Tigraay Naannolee Allamaaxaa Qabatan Ni Gadhiisu Jedhu Prezidaantiin Yeroo Kan Naannoo Tigraay

Humnoonni hidhattoota Tigiraay bakkoota falmisiisoo Raayyaa Allamaxaa keessaa bakkoota Gaarjalaa fi Beqiloo maaneqiyaa jedhamuun waamaman gadhiisaanii akka ba’an murtaa’uu Pireezidaantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay beeksisan. Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigiraay Geetaachoo Raddaa fuula miidiyaa hawwaasaa isaaniirratti barreeffama maxxansaniin kana kan beeksisan yommuu ta’u mootummaa Federaalaa fi kan naannoo Amhaaraa waliin wal hubannaa irra ga’amee fi akkaataa walii galtee Piriitooriyaatti namoota qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiran gara qe’ee isaaniitti deebisuuf hojii hojjetamu ariifachiisiif akka ta’es ibsaniiru.

Hidhattoonni Tigiraay akka ba’an murtaa’eera jechuun kan ibsan Obbo Geetaachoo Raddaa dhugaa ta’uu isaa mirkaneessuuf hoogganaa koree eenyummaa Raayyaa Walloo Amharaa deebisuu kan ta’an Obbo Haaayiluu Abarraa gaafannee sagalee Ameerikaatti akka himanitti “Ibsichi hawaasa Addunyaa gowwoomsuufidha jedhanii warri jiran ba’an kan jedhu soba ta’uu himanii hidhattoonni haaraan biroon gara naannoo sanaatti seensifamaa jirus” jedhaniiru. Itti dabaluunis garaagarummaan karaa nagaa qofa hiikamuu qaba kan jedhan Obbo Haayiluun ummaanni Allamaxaa fi naannooshee sababa rakkoo nageenyaan tajaajila bu’ura jedhaman dhabuun rakkoo hamaaf saaxilameera jedhan. Nanmi obbo Mangashaa Hagos jedhaman magaalaa Allammaxxaa keessa akka jiran Sagalee Ameerikaaf kan himan humnoonni nageenyaa Federaalaa magaalicha keessa akka jiran ibsanii Hospitaalli Allammaaxaa garuu tajaajila kennaa hin jiru jedhanii dhaabbileen tajaajila uummataa saffisaan karaa mootummaa hojii jalqabuu qabu jechuun dubbataniiru.

Dhimma kanarratti deebii gama angawoota bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay irraa agachuuf yaaliin taasise naaf hin milkoofne, Garuummoo kanaan dura Itti aanaan pireezidaantii bulchiinsa yeroo kan naannichaa Leteenaat Jeneeraal Taaddesee Werredee Ibsa kennaniin wal waraansichaan booda bulchiinsoonni uumaman akkasumas humnoonni hidhatan bakkoota kana to’atanii jiran akka diigaman mootummaa Federaalaa waliin walii galteerra ga’ameera jechuun isaanii ni yaadatama jechuun Maqalee irraa Muluugeeta Atsibahaatu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG