Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qaooleen Hidhatanii Itiyoophiyaa Keessa Socho’an Sivilota Irratti Ajjeechaa Raaw’atu: Komishiiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa Gabaase


Ji’oottan jahan darban keessatti siviilonni 168 ta’an qaamoolee hidhatootaa adda addaatin ajjefamuu isaanii komishiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa ibsa Qibxata har’aa baaseen beeksisee jira. Komishiinichii ibsa isaa kana keessatti qamooleen ajjeechaa kana raawwatan umnoottan mootummaa dabalatee, waraana bilisummaa Oromoo, hidhatoota Amaaraa fi warren “eenyummaan isaanii hin beekamne” jedheen akka ta’e eereera.

Akkuma kanaan, namoonni 36 umnoottan mootumaatiin, namoonni 68 waraana bilisummaa Oromootiin, namoonni 25 hidhatoota naannoo Amaaraatiin , namoottan 32 immoo warren eenyummaan isaanii addaan bahee hin beekamneen raawwachuu isaa ibsee jira. Gabaasaa Koomishiniin mirga namoomaa baase kana ilaalchisuudhaan dubbii himaan Waraana Bilisuummaa Oromoo kan Idil addunyaa Obbo Odaa Tarbii yaada sagalee Ameerikaaf kennaniin , Gabaasichi yakkoota garaa garaa qaamoolee adda addaan Naannoo Oromiyaa keessatti raawwatamanif gara waraana bilisummaa Oromootti quba qabuu barbaada jedhaniiru.

Itti dabaluudhaanis, dhimma kana qulqulleeffachuuf qaamni walabaa kan idiladdunyaa, kan akka Mootummoota Gamtoomanii faa akka qorannaa geggeessan gaafanna, jedhanii jiru obbo Odaan. Komishiiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa ibsa isaa kana keessatti, hidhattoonni naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa socho’aa jiran haalduree kamiinuu malee dhukaasa dhaabuudhaan waldhabdee isaanii marii karaa nagaatiin hiikuutti akka deebi’an gaafatee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG