Ministeerri dhimma alaa mootummaa Yunaayitid Isteets guyyaa Ityoophiyaa keessatti akka ayyaana biyyaalessaatti kabajamee oolu Caamsaa 20 sababeeffachuudhaan maqaa mootumma Yunaayitid Isteetsn ergaa dabarsaniin, yemmuu guyyaa biyyaalessaa kabajaa jirtan kanatti hawwiifi gammachuun qabun ibsa jedhanii jiru.
Itti dabaluudhaanis, yemmuu waggaa 120ffaa hariiroo dipilomaasii Yunaayitid Isteetisfi Ityoophiyaa wajjin qabdu yaadannu kanatti, walitti dhufeenyaa Yunaayitid Isteets fi Ityoophiyaa gidduu jiru caalaatti jabeesuu itti fufnaa jechuun isaanii beekameera. Yunaayitid Isteets yaalii mariidhaan nageenya argamsiisuu, nageenyaa diinagdee biyyoottan lammanii mirkaneesuu, qindoomina walootiin rakoowwan adduunyaa kan akka jijjirama qileensaa fi fayyaa duraa dhaabachuu akka degertu ibsii Biliinken kun dabalee beksisee jira.
Qormaatalee jiran moo’ichaan bira darbuudhaan abdii ifa ta’ee umudhaaf yemmuu yaaliin taasifamaa jiru kanatti Yunaayitid Isteets ummata Ityoophiyaa cina akka dhaabatus ibsii Antoonii Bilinken kun ereera. Guyyaa mootummaan Dargii anngoo irraa kaasamee fi guutummaa biyyaalesaa keessatti kabajamee oole kana ilaachisuudhaan ibsa kan baasee mootummaan yeroo kan naannoon Tigraay, “ummannii Tigraay Caamsaa 20 bara 1983 Sirnaa haqaa fi walqixumaa, akkasumas sirna ijaarsa dimokiraasiifi farrra ta’e diigeera” jedhee akka guyyaachaaf kabaja kennu ibsee jira.
Forum