Haleellaan Israa’eel Raafaa irratti raawwateefi lubbuu sivilota 45 galaafatee gokumaa fudhatamaa hin qabu “ jedhan haanga’an dhaabbata mootumoota gamtoomanii.
Dhaabbata mootumoota gamtoomaniitti itti gaafatamaan dhimma gargaarsa namoomaa Maartiin Giriiftis balaa lubbuu siviilota 45 galaafatee 200 ol madeesse kana ilaalchisuudhaan ibsa kennan keessatti, “ taatechii dogogora gaddisiisaadha” jechuudhan kan ibsan muummicha ministeeraa mootummaa israa’eel Beenjamiin Netaaniyaahus qeequun isaanii gabaasameera.
Balaan sun erga raawwatee booda paarlamaa mootumma biyya isaaniitif ibsa kan kennan Beenjaamiin Netaaniyaahu, “ haala nama gaddisiisuun ssaa dogoggorri tekinikaa umameera” jedahnii qorannoon taasifamaa akka jiruuf akkataa imaammata mootummaa isaaniitiin waan irra gahamee akka ifa godhan dubbataniiru.Israa’eel haleellaa kanaan hoggantooota Hamaas lama ajjeesuu ishees himaa jirti.
Dhaabbata mootumootaa gamtoomanitti komishineerii ol anaan dhimma mirga namoomaa Voolker Taark suuraaleen bakka balaan sun qaqqabee irraa bahaa jiran waan nama Suukanneessan ta’uu ibsanii, dhimmaa haleellaa Raafaa keessatti raawwatamaa jiiru irratti Isiraa’eel akka ajajaja mana murtii Adduunyaatiif abboomamuu qabdu hubachissaniiru. Voolker Taark itti dabaluudhaais, gareen hidhatootaa Hamaas namoottan umnaan qabatee jiru 100 ol ta’an akka gadi lakkisus gaafataniiru.
Prezidaantin mana maree Awurooppaa Chaarles Micheel gama isaniitiin taatichii suukanneesaa ta’uu isaa ibsanii, Israa’eel haleellaa Raafa keessatti taasisaa jirtu akka dhaabdu gaafataniiru.
Waashingteen keessatti manni maree nageenyaa masaaraa Waayit Haawus, suuraawwan balaa sana agarsiisan waan onnee namaa cabsan taa’uu isaa ibsee “ israa’eel Hamaas adamsuudhaaf mirga qabdii”jedhee, haata’u malee nageenya siviilotaa eeguudhaaf of eeggannoo dabalataa taasisuu akka qabdu hubachiisera.
Manni maree nageenyaa mootumoota gamtoomanii dhimma haleella Raafa kan irratti dubbachuudhaaf har’aa walgahii taasisee jira.
Haaluma wal qabateen toprban darbee biyyaa Ayerlaandii fi Noorwayii wajjin ta’uudhaan mootummaa Palastaayiniif beekumtii akka kennitu kan ibsitee Ispeen, sirna ifatti beekumtii keennuu akka raawachuuf jirtu muumichii ministeera biyyatti Pediroo Saancheese ibsa qibxata har’aa kennaniin beeksisanii jiru.
Tarkaanfichii walakeesa bahaa keessatti nagaa buusuudhaaf fala isa dhumaatti kan jedhan Peediroo Saancheez dhimmichii farra garee kamiinuu mitii jedhaniiru. Ieraa’eel tarkaanifii Ispeen kana mormuudhaan Ambaasaderaa ishee Ispeen keessa jiran waamuun ishee gabaasameera.
Forum