Komiishiniin marii biyyoolessaa Itiyoophiyaa har’a jechuun Caamsaa 21 bara 2016 marii bakka buutonni hawaasaalee adda addaa irraa dhufan irratti hirmaatan jalqabsiisee jira.
Waltajjii marii Sanaa haasaa dhaan kan banan komiishinera ol aanaa komiishinicha profeeser Mesfin Araayaaa, boqonnaan marii kanaa gumii marii biyyoolessaa itti fufee geggeessamu akka milkaa’uuf qooda ol aanaa qabaata jedhanii, marii kana irratti ajandaawwan adda baasuun akka jalqabamu ta’uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaa keessatti yeroo dhaa gara yerootti bal’ataa kan dufe adda addummaan yaadaa, biyyattii gara jibbiinsaa, addaan qoodamuu fi waraanatti akka geese kan ibsan komiishinerichi kaka’umsa rakkoolee kanaa mala tasgabbaa’een adda baasanii gara tokkummaatti fiduuf mariin biyyoolessaa furmaata tokkicha jedhaniiru. Mariin biyyoolessaa adda addummaan bal’atee kara rakkoo hamaatti akka hin seenne nu taasisa jechuun illee dubbatanii jiran.
Hirmaattonni VOAf yaada kennan, adeemsi marii akkasii rakkoolee yeroo ammaa mul’ataniif kan kana duran furuu dandeessisa jedhanii amanu. Kanneen keessaa barsiistuu Zebider Sisaay namni jedhaman waltajjiin akkasii yaadawwan ukkaamsaman akka dhagalamaniif carraa kenna jedhan.
Adeemsi marii biyyoolessaa hunda hirmaachise yaadawwan deggersaa fi mormii isa mudatee jira. Gareen paartilee polotiikaa 11 of keessaa qabu, komiishinichi loogii irraa kan walaba ta’e ykn hunda hammachiise miti jechuu dhaan adeemsa kanatti akka hin hirmaanne dhiyeenya beeksisee jira. Garee kanaaf miseensa kan ta’e paartii sochii biyyoolessa walaayittaaf dura taa’aa kan ta’an obbo Amaanu’el Mogiisoo adeemsa marichaa fi komiishinicha qeeqaniiru. Paartileen adeemsa kana deggeranis jiru. Kanneen keessaa paartii dimokraasummaa Itiyoophiyaaf dura taa’aa kan ta’an Dr. Raahel Baafee paartiin isaanii kan irratti hirmaatu ta’uu beeksisaniiru.
Har’a Finfinnee keessatti kan jalqabe mariin biyyoolessaa naannolee fi bulchiinsa magaalaalee biro keessatti akka itti fufu beekameera. Komiishnichi gumiin biyyoolessaa guddicha yeroo waggaa tokkoo keessatti qopheessuuf karoorsuu isaa kana dura beeksisee ture jechuu dhaan Gerbre Mikaa’el Gebre Medin Finfinnee irraa gabaaseera.
Forum