Bulchiinsi yeroo kan Tigraay akka walii galtee Pritooriyaatti hunda kan ofitti haammate ta’ee ijaaramuu dhabuu kan qeeqe paartiin Saalsaay Weyyaane Tigraay, carraa kanatti fayyadamuun rakoon naannoo akkaan hammaachuu ibsee jireenyi uummataa balaa keessa jira jedhee jira. Yakkawwan lubbuu namaa galaafate utuu hin hafin haqi mirkanaa’aa hin jiru kan jedhe paartichi, namoonni dhuunfaa achi buuteen isaanii dhabamaa jiraachuu ibsee jira. Keessumaa dubartoota irratti rakkoon nageenyaa dhiibbaan isaa hammaatee akka jiru illee hubachiiseera.
Dura taa’aan paartichaa obbo Aluulaa Haayiluu VOAf akka himanitti, namoota seeraan ala deddeebisuu, albuuda baasuu fi namoota ukkaamsanii butuun naannoo sana keessatti babal’ateera jedhan. Dhimma kana irratti bulchiinsa naannoo kan yeroo biraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne, garuu bulchiinsichi yeroo naannoo sana keessatti kan mul’atu daldala kontrobaandii fi deddeebii meeshaalee ilaalchisee rakkoo jiru furuuf kan hojjetu ta’uu dhiyeenya ibsuun isaa ni yaadatama.
Gama biraan naannoo Affaar irraa buqqa’anii buqqaatonni naannoo Maqalee jiran mootummaan nu irraanfateera jechuu dhaan komee isaanii VOAf dhiyeessaniiru. Komee buqqaatotaa gama ilaaleen angawoota mootummaa naannoo Tigraay, naannolee Affaar akkasumas mootummaa Federaalaa biraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne.
Forum