Ministriin dhimmi alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bliinken wal waraansa Sudaan keessaa dhaabuun barbaachisaa ta’uu ilaalchisee aajaa human waraanaa Abdulfattaah Al-Burhaan waliin mari’achuu isaanii ministeerri dhimmi alaa beeksisee jira.
Angawoonni lamaan walitti bu;iinsi Sudaan keessaa hatattamaan dhaabachuun barbaachisaa ta’uu isaa akkasumas gargaarsa namoomaa daangaa qaxxaamuree jiru dabalatee dararaan uummata Sudaan salphisuun akka danda’amu irratti mari’ataniiru jechuu dhaan Dubbi himaa kan ta’an Maatiwuu Miiler ibsa kennaniin beeksisaniiru.
Marii bilibilaan geggeessame kan daqiiqaa 30 ta’uun, Biliinken marii Jeddaatti jalqabame akka itti fufu akkasumas siivilotaaf eegumsa gochuu akkasumas Daarfuur kaabaa El Faasheer keessaa hookkara jiru tasgabbeessuu irratti illee mari’achuu isaanii Miileer dubbataniiru.
Walakkeessa baatii Ebla keessa Yunaayitis Isteetis mariin nageenyaa dhimmi Sudaan ilaalchiseee geggeessamu magaalaa Saud Arabiyaa Jiddaa-tti torbanneen sadii keessatti akka geggeessamu beeksisteetti, guyyaa isaa garuu hin labsine.
Magaalaa El-Fasheer keessatti torbanneen lamaaf walitti bu’iinsa uumameen yoo xiqqaate namoonni 134 du’uu Dokotors wiz aut boorders beeksisee jira.
Erga Ebla bara 2023 qabee Sudaan wal waraansa Burhaanii fi itti aanaa isaanii duraanii Mohammed Hamdaan Dagaaloo kan yeroo ammaa humnootii RSF jedhaman hoogganan gidduutti uumameen raafamaa jirti.
Muummichi barreessaan Tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guterees, lola irra deebi’uun Caamsaa 10 ka’e ilaalchisee "boqonnaa akkaan yaaddessaa haaraa" ittiin jedhan.
Hayyoonni Tokkummaa Mootummootaa akka ibsanitti walumaa gala walitti bu’iinsa Sudaan keessaankan magaalaa tokkicha Daarufuur dhiyaa keessaa kan kuma 15,000 dabalatee uummani kurna kumaan laka’amu dhumee jira.
Forum