Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaatti Badhaasa Shuuman Jedhamu Yeroo Jalqabaaf Namoota Dhuunfaa fi Dhaabbilee Mirga Namoomaaf Kenne


Komishinira Komishinii mirga namoomaa Itiyoophiyaa Doktar Daani’eel Baqqalee fi Itiyoophiyaatti hoogannaan gamtaa dhaabbilee mirgaa Obbo yaareed Haayile Maariyaa akkasuams namoonni dhuunfaa saddet kanneen mirga nmoomaaf falman gamtaa Awurooppaarraa badhaasa argatan. Badhaasni kun yeroo jalqabaaf gara Itiyoophiyaatti kan dhufe yommuu ta’u namoota guddina dimokiraasii, mirga namoomaaf, olaantummaa seeraa fi walqixxummaan akka babal’atuu tumsa taasisaaniif beekamtii kennuuf kan kaayyeeffatedhas jedhameera.

Sirna badhaasichaarratti haasaa kan taasisan Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Gamtaa Awurooppaa Ambaasaddar Rooland Koobiyaa dhimmi mirga namoomaa dhimmoota gamtaan Awurooppaa tokkummaan akka jiraatu taasisan keessaa isa ijoodha jedhanii sagantaa har’aa kanaanis namoota mirga nmaoomaa irratti hojjetan jajjabeessuufidhas jedhaniiru.

Badhaafamtoota keessaa tokko kan ta’an Doktar Daani’eel Beqqelee yaada Sagalee Ameerikaaf kennaniin yeroo ammaa yeroo Itiyoophiyaa keessatti sarbamni mirga namoomaa daran dabalee yeroo jirutti falmitoota mirgaaf badhaasa kennuun guutummaa biyyattii keessatti duudhaaleen mirga namoomaa akka guddaniif warra hojjetan hundaaf beekamtii kan kennudha jedhan. Rakkoo amma Itiyoophiyaan keessa jirtuuf mariin biyyaaleessa fi haqni cee’umsaa hojiitti seenamaa jiru furmaata jedhanii, adeemsi isaa qulqulluu ta’uu dhiisus qaamooleen hundi keessatti akka hirmaataniif waamicha dhiyyeessaniiru jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG