Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Waa’een Nageenya Namoota Sudaanirrraa Baqatanii Itiyoophiyaa Kaabaa Keessa Jiranii na Yaaddeessa Jedhe


FAAYILII - Namoonni buufata sakatta’iinsaa kaaba dhiha Itiyoophiyaa daangaa Sudaan birattiatti Waxabajjii 3, 2015.
FAAYILII - Namoonni buufata sakatta’iinsaa kaaba dhiha Itiyoophiyaa daangaa Sudaan birattiatti Waxabajjii 3, 2015.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Waajjirri qindessaa dhimma baqattootaa Kibxata darbe akka beeksiisetti Itiyoophiyaa naannoo Amahaaraa buufata baqattootaa Awlaal keessaa baqattoonni baay’inni isaanii gara Kuma tokkoo ta’an erga nanoommi hidhannoo hidhatan saamicha , rasaasaan rukkutun ajjesuu fi ukkaamsanii fudhachuu jalqabaniin booda sodaa nageenyaa qabaniif gaafa Caamsaa 1 bara 2024 irraa kaasee mooraa buufata baqattootaa sana gadhiisanii daandii irra jiraachuu jalqabaniiru , kaan isaaniimmoo lagannaa nyaataa jalqabaniiru jedhe.

Gaaffiin seera qabeesa dhimma nageenya fi tajaajila fooyya’aa argachuuf dhiyyeessan guutummaatti ni hubanna kan jedhe dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti waajjirri qindeessaa gargaarsa dhimmi baqattootaa, mormii isaanii dhageessisuuf daandiirratti ba’uun isaanii , bakkoota qulqullina hin qabne keessa turuu fi lagannaa nyaataa namoonni tokko tokko jalaqan saaxilamummaa isaanii daran guddisuu danda’a yaaddoo jedhu akka qabus ibsa isaa keessatti eereera. Haalli nageenyaa naannoo Amhaaraa keesssa jiru gareewwan keenyaafis ta’e garee hojjettoota gargaarsaaf ulfaataadha kan jedhe UNHCR ibsa keessatti Jimaata darbe hojjetaan gargaarsaa isaa tokko naannicha keessatti ajjefamuus ifoomseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG