Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsa Godina Gujii Keessatti Ta’een Namonni 4 Ajjeefaman


Oromiyaa godiina Gujii dhiyaa, aanaa Suroo Baarguudaa keessatti riphxee looltootaa fi humnootii nageenyaa kan mootummaa giddutti wal waraansa gaggeeffameen nama nagaa tokko dabalatee namoonni Afuur ajjeefamuu bulchaan aanaa beeksisanii jiru. Bulchaan aanaa Suuroo Baargudaa Obbo Jaarsoo Dhugoo siviilonni biroo lama madaa’uu fi hidhatonni lama miidhaan irra ga’u sagalee Amerikaaf ibsan.

Hidhattoota Onag Shanee jechuun Obbo Jaarsoon waaman garu kan Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhu, naannoo biraa irraallee dhfee aanaa sana seenuun loon qonnaan bulaa saama, namootas ni ajjeesa jechuun himatan. Namnii ija koon argeera jedhanii fi sagaleen Amerikaa dubbisee tokko akka jedhanti hidhattonni milishaa naannoo waliin wal waraanuu isaanii ibsanii hidhattonni kun kokolaataa irraa nama tokko buusanii ajjeesan jedhu.

Ta’uus garu lakkoobsa dubbatamee mara qaama sadaffaa irraa mirkaneessuun hin danda’amne. Bulchaan aanaa Obbo Jaarsoon akka jedhanti miseensoota hidhattoota kanaatu dhukaasa jalqabee jechuun nagaa naannoo jeequu isaanii ibsan.

Raayyaan ittisaa biyyaa fi humnootiin nageenyaa kan Oromiyaa haala jiru tasgabeessuu isaanii fi har’a nagaan bu’u bulchaan aanaa ku dubbatanii jiru.

Waraana Bilisummaa Oromoo jechuun kanneen of waaman gama isaanii, naannoo Gujiitti haleellaa fi miidhaa dhaqqabuuf humnootii nageenyaa kan mootummaa hiimachuun humnoootiin keenya namoota nagaa irratti haleellaa hin gaggeessan jechuun himannaa irratti dhiyaate fudhatama dhabsiisaa turuun isaa ni yaadatama jechuun Yoonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG