Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaan Marii Nageenya Yukreen Irratti Dubbatamutti Hin Hirmaadhu Jetti


Chaayinaan Marii Nageenya Yukreen Irratti Dubbatamutti Hin Hirmaadhu Jetti
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:05 0:00

Chaayinaan konfiraansii nagaa kan idil-addunyaa Raashiyaa fi Yukireeniin beekamtii argate akka gaggeeffamu gaafachuun ''haqa qabeessa'' fi ''loogii kan hin qabne'' ta'uun paartii kamin iyyuu irratti kan xiyyeeffate miti jechuun Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa Jimaata har’a ibsee jira.

Chaayinaan ji’a dhufu konfiraansii waa’ee nagaa Yukireen kan Siwiizarlaand keessatti gaggeeffamu irratti hin argamtu.Sababiin isaas waan isheen eegde kan hin guunnee, kunis Raashiyaa fi Yukireen lamaan isaanii hirmaachuu kan dabalatu qaba jechuun dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Maa’oo Niing ibsa idilee kennaniin mirkaneessaniiru. Walga’ii walakkeessa baatii waxabajjii gaggeeffamuu kanaaf kutaalee addunyaa adda addaa irraa hirmaannaa bal’aa barbaadaa kan jirtu Siwiizarlaand, kunis adeemsa nagaa Yukireen keessaaf bu’uura akka kaa’u abdii qabdi.

Walgahii kana irratti kan hin afeeramnee Raashaan hirmaannaa koo malee mariin kun hiika hin qabu jechuun fudhatama dhabsiifte.

“Hanga ammaatti qophii konfiraansii fi gaaffii Chaayinaa akkasumas ejjennoo waliigalaa hawaasni addunyaa qabu gidduu garaa garummaa ifa ta’etu jira, kunis Chaayinaan hirmaachuu akka hin dandeenye taasisa,” jedhan Maa’oon.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG